header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Kowkaa (Quokka)

Bineensi  Kowkaa (Quokka) jedhamee waamamu kun Ardii Awustraaliyaa keessatti kan argamu yoo tahu, bineensota korojoo garaa irraa qaban keessaallee isa xiqqaadha. Miilli isaa kan duubaatiifi eegeen isaa akkaan gaggabaabaadha. Qaamni isaatis xiqqaa ta’us, saffisaan socho’uu irraa isa hin dhoorku. Gogaan qaama isaa rifeensa bifa daalachatiifi tuuchaadhaan haguugamee jira. Naannoo fuula isaatii ammoo bifa gara magaalaa dabu kan qabu yoo ta’u, garaa jalaa ammo gara adiitti dhihaata. Gurri isaa xiqqaa fi geengoo walakkaa fakkaata. Qoffeen isaatis geengoo fi halluu gurraacha qaba. Eegeen isaa ammo rifeensa hin qabu.

Bineensi kun jireenya isaatiif bosona tuuchaa fii naannoo bishaan hedduminaan jiru jaalata. Bosona tuuchaa keessa garee uumee gamtaadhaan jiraata. Qubsuma tolfatanii daangaa wal jalaa daangeessuun hin jiru. Hunduu akka barbaadetti olii gad deemaa jiraata. Wal keessa seenanii nagayaan jiraatanis, yeroo aduun hammaattutti garuu gaaddisa jalatti daheeffatan irratti walitti bu’uu malu. Hunduu guyya guyyaa gaaddisa jala rafaa ooluun, halkan wayta lafti qabbanooftu soorata barbaaduu sochii eegalu.

Kowkaan biqiltoota sooratuudhaan jiraata. Hedduminaan waan lafarra jiru kan sooratu yoo ta’u, waan sooratu sanis osoo heddu hin bulleesin liqimsa. Yeroo oowwi aduu hammaatu ammoo gaaddisa jala ciisee alala dhaha. Bineensi kun yeroo heddu bishaan  hin dhugu. Guyyoota hedduuf osoo bishaan hin dhugin turuu danda’a. Bishaan isa barbaachisu firiiwwanii fi baala sooratu keessaa argata.

Osoo ummanni Awurooppaa gara Awustraaliyaa deeme dachii san hin koloneeffatiniin dura, Kowkaan nagayaan jiraataa ture. Haa ta’u malee, ummanni Awurooppaa saree fi adurree qabatanii eega dachii san irra qubataniin booda, lakkoofsi Kowkaa xiqqaachaa jira. Yeroo ammaa kanas uumama rakkoo hamaa mudachuu danda’u jedhamee galmaayee jira. Diinni uumama kanaa inni guddaan Adurree, saree fi jeedala. Dabalataan simbirroonni gurguddoonis uumama kana adamsanii sooratu. Sooratni isaa hedduminaan biqiltoota waan ta’eefis,  ciramiinsi bosonaa jireenya isaa irratti rakkoo guddoo tahutti jira.

Kowkaan bakka lafti jiidhaan akkasumas bishaan jiru filata. Garuu bishaan hedduminaan hin dhugu. Eegasuu naannoo bishaanii jiraachuun maaliif barbaachisa gaafiin jedhu ka’uun hin oolu. Kowkaan bishaanitti qajeela haajamuu dhabus, biqiltoonni garuu biqiluudhaaf bishaan isaan barbaachisa. Bakka bishaan hin jirre, biqiltoonnis waan hin jiraanneef, Kowkaanis jiraachuu hin danda’u. kanaafuu uumamni kun qajeelatti bishaan hedduminaan dhuguu dhabus, karaa soorata sooratuun bishaan akkaan isa barbaachisa.

Uumamni kun amala addaa tokko qaba. Akkuma sila jenne miilli isaa kan duubaa akkaan gabaabaadha. Sababa kanaafis lafa margaafi mukkeen hedduminaan jiranittuu, akka barbaadetti deemuu hin danda’u. Furmaata rakkoo tanaatiif Rabbiin dandeettii addaa tokko isa badhaasee jira. Bineensi kun yeroo heddu nannoo qubsuma isaatti, lafa jalaan qotee karaa baafata. Yeroo soorata barbaadutti karaa lafa jalaan qote san keessaan ol bahaa biqiltoota argate soorata.

 Qophii Abu Ibtisam

Back to top button