header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Jellyfish

Uumamni barruu tana keessatti ilaallu Jellyfish jedhamuun beekama. Maqaa ‘fish’ yookaan ‘qurxummii’ jedhamuun yaamamus, uumamni kun qurxummiidhaa miti. Qaamni isaa akka zayita yabbuu wal harkisa. Qorattoonnis qaama isaa akka jelly jiru kanaaf maqaa Jelly jedhu kana isaaf moggaasan. Uumamni kun uumama addaa Rabbiin keenya bishaan keessatti uume keessaa isa tokko. Sanyiin uumama kanaa hanga 2000 ta’u akka jirus ni himama. Halluun isaanii ammoo garaagarummaa qaba. Gariin isaanii transparent akka daawwitii yoo tahan, bifuma bishaaniitiin wal fakkaatu. Gariin ammoo bifa garagaraa heddu qabaachuu danda’an. Uumamni kun hedduminaan garboota gurguddoo keesssa jiraata.

Wanti uumamni kun irraa ijaarame waan addaati. Uumamni biraa kan qaama akkanaa qabu hin jiru. Qaamni isaa Wantoota akka zayta furdaa wal qabatu, kan Mesoogliyaa jedhamu irraa ijaarame. Wanti kunis qaama isaa guutuu kan haguuge yoo ta’u, qaamni isaa dhibbeentaan sagalatamii shanii bishaani. Kan hafe gogaa haphii Mesoogliyaa jedhamuudha. Guddinni qaama uumama kanaatis sanyii irraa sanyitti garaagarummaa qaba. Inni xiqqaan Irukaanjii jedhama. Sanyii kana ija keenyaan arguun rakkisaadha. Inni guddaan ammoo Lion’s Mane jedhama. Sanyiin kun ammoo, haga meetira lamaa kallattii hundatti bal’achuu danda’a. Gama gubbaatiin wanti akka dibaabee fakkaatu kan argamu yoo ta’u, inni kun meetira lamaa ol dagaletti bal’achuu danda’a. Gara gadiitis wantootni haada fakkaatan ni argamu, isaan kunniinis meetira lamaa ol dheerachuu danda’u.

Uumamni kun buqqee mataa, lafee, sammuus ta’e onnee hin qabu. Ija akka uumama biraa ittiin argus hin qabu. Bakka san qaama ooseelii jedhamu qaba. Oseeliin kunis akka ijaa wantoota naannoo isaa hin argu, ifaa naannoo isaatti argamu sense godha. Walumaa galatti uumamni kun uumama addaa orgaanizimii tokko qofa qabuudha.

Uumamni kun gubbaan isaa dibaabee ykn Mizallaa fakkaata. isa jalaan ammoo wantootni akka haadaa jiran kan irraa gad dheeratan qaba. Wantootni kunniin afaan Ingiliffaatiin tentacle jedhaman. Jelyy fish Tentacle kanniin fayyadamee soorata adamsuu danda’a. soorata qofa ittiin qabachuu osoo hin taane, tentacle kana fayyadamuudhaan diina isaatis ofirraa ajjeesuu danda’a. Qaamni tentacle jedhamu kun summii akkaan hamaa of keessaa qaba. Sanyiin uumama kanaa kan box jellyfish jedhamu, summii isaa sanitti fayyadamuudhaan daqiiqaa lama keessatti ilma namaa ajjeesuu danda’u. Sanyiin kun qaama isaa keessaa summii ilma namaa 60 ajjeesuu danda’u qaba. Qaama isaa gara gubbaa jiru kan dibaabee yookaan Mizallaa fakkaatu suuta eeggataa malaan tuquu ni dandeenya. Garuu tentaakloota sanniin harkaan tuqnaan wantootni akka lilmee jiran, saffisa jabaan summii qaama keenya keessatti facaasuu danda’an. Warra lubbuun jiran qofa hin sehinaa, jellyfish gariin du’aniillee summii isaaniitiin nama ajjeesuu ni danda’u.

Uumamni kun soorata gosa lachuu soorata. Heddumminaanis qurxummiiwan xixiqqoo fi bineensota lafee dugdaa hin qabne soorata. Ija waan hin qabneef soorata isaa barbaaddachuudhaaf seelii ijaa kan oseelii jedhamutti fayyadama. Uumamni kun akkuma duratti isiniif himne, halluu bifa bishaan qulqulluu waan qabuuf, bineensota heddu jalaa dhokachuu ni danda’a. Haa ta’u malee saffisa irratti harkifataa waan ta’eef, takka argamnaan haala salphaan qabama. Diinni uumama kanaa tokko Ilmi namaati. Naannoo tokko tokkotti foon isaa soorataaf oola. Dabalaatins shaarkii, Isquwiidii fi simbirrooleen gurguddoonis uumama kana adamsanii ni sooratu.

Uumamni kun sanyii isaatis haala addaatiin bakka buufata. Dhaltuun bishaan keessatti hanqaaquu isii buusti. Dhiirris hanqaaquu kanniin irratti sanyii isaa dhangalaasa. Kana booda hanqaaquun kunniin dhagaa irratti maxxanan. Yeroo muraasa keessattis gara jellyfishitti jijjiiramanii bishaan keessa sosocha’uu jalqaban.

Sanyii uumama kanaa keessaa gariin isaa, yeroo halkaniitti qaama isaa irraa ifaa adda addaa maddisiisuu ni danda’a. Kunis faaydaa lama qaba. Tokko soorata isaaf ta’u ofitti waamuu yoo ta’u, kan lammataa ammoo diina ofirraa ari’uuf itti fayyadama.
Jellyfishonni hin sochoones ni jiran. Isaan kunniin bakkuma jiran san turuudhaan risqii Rabbi isaanii fidu eegan.

Qophii: Abu Ibtisam

Back to top button