Majlisni Oromiyaa, Murtii Kora Walii galaa Majlisa Federaalaa deeggaruun ibsa baase

Manni maree dhimmoota Islaamummaa naannoo Oromiyaa, murtii korri walii galaa mana marii dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Caamsaa 18,2014 dabarse deeggaruun ibsa ijjannoo baase.

Ibsi Majlisa Oromiyaa guutuun kan armaan gadiitti

Ibsa Deeggarsaa Majlisni Oromiyaa Murtii Yaaii Walii Galaa MMWDhI Itoophiyaa dabarse Ilaalchisee baase

Jijjiiramni Mana Marii Walii Gala Dhimmoota Islaamummaa (majlisa) Itoophiyaa abjuufi gaaffii ummata Muslimaa kan yeroo dheeraati. Ummanni Muslimaa dhaaba isaa sirreessuufi kan waloo taasisuuf yeroo dheeraaf qabsaaaa ture. Kanarraa kauudhaan yeroo ceumsaa mootummaa jijjiiramaatiin deebii argatee ture. Ciminni dhaabbatichaa nageenyaafi misooma biyyattiitiif buaa guddaa akka qabu itti amanamee Eebla 23/2011 Hoteela Sharaatanitti yaaiin biyyoolessaa geggeeffamee akka Majlisicha ceesisaniif ulamoonni 26 fi boordiin hoggansa hojii torba baatii jaaaf filataman. Kana hunda caalaa yeroo jalqabaatiif labsiin qaama seerummaa dhaabbatichaa labsu baafame. Ummanni taatee seena qabeessa kanaan qaama mootummaa, keessumaa Muummee Ministeeraa Dr. Abiyyi Ahmad Alii yeroo dheeraaf galateeffataa gammachuu isaa ibsataa ture.

Hoggantoonni Sharaatanitti muudaman yaaii walii galaa isaan muude irraa hojiilee ijoo lakkaaanii fudhatan. Isaanis: tokkummaa ummata Muslimaa cimsuu, dambii bulmaataa dabalatee sanadootii biroos mirkaneessuu, majlisichi labsiin akka dhaabbatu gochuufi caasaa majlisaa bifa haaraan hanga masjidaatti diriirsanii jia jaa keessatti filannoo ummataa geggeessuun hoggansa haaraaf dabarsuu ture. Haa tau malee hoggantoonni kun hojiilee kana keessaa tokkollee hin hojjanne. Labsii majlisaallee ilaalchisee hayyoota Islaamaafi mootummaatu carraaqee xumursise malee isaan faallaa turan. Jalqabuma waajjira seenan ulamoota 26 filataman keessaa kudha tokko qofa hambisuun warra kaan akka naannoleetti deebian godhan. Dambii ceumsaa keessatti waggaa keessa yeroo lama yaaii walii galaa geggeessuun dirqama taullee waggaa sadii keessatti marsaa tokkittii yaaiin ariifachiisaan geggeeffame. Badiin kana hundaa olii immoo dambii hundaa faallessuudhaan miseensa ulamaa baayeefi miseensa boordii guutuu hojii irraa ugguruuf yaalii godhan. Adeemsa seeraan alaa kanaan dhumarratti dhaabbatichi dhaabbata tauun isaa hafee qabeenya nama lamaa ykn sadii fakkaate. Namoonni kun dhaabbaticha akka fedhan naannessuu bira darbee wiirtuu sirna maleeyyii taasisan. Rakkooleen waggaa sadan kana keessatti isaan achi keessatti uuman kan lakkaaamee xumuramuu miti.

Kanuma tauu wajjin qabsoo majlisoonni naannoleefi miseensonni ulamoota 26 warri kaan godhaniin amma majlisni jijjiirama cimaa irra gaee jira. Gaafa Caamsaa 18/2014 murtii yaaii walii galaa ibsameen dambiin ittiin bulmaataa akka mirkanaae, hoggansi ceumsaa sagalee caalmaan akka filatameefi yeroon filannoos akka daangeffame Yaaiin walii galaa ummata Muslimaatiif ibseera. Murtiin kun seenaa majlisaa keessatti murti seena qabeessa; kanaafuu ummanni Muslimaa biyyattii hunduu gammachuu itti dhagaameefi deeggarsa hoggansa haaraaf qabu ibsataa ture. Nutis akka Mana Marii Walii gala Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaatti gammachuu guddaatu nutti dhagaame. Keessumaa Pirezdaantiin keenya gaumsa hojii akka naannoo keenyaatti agarsiisaniin pirezdaantii mana Marii biyyoolessaa taanii filamuun isaanii baay’ee nu gammachiiseera. Kana irraa ka’uudhaan ibsa deeggarsaa kana baafnee jirra. Ibsichis qabxiilee ijoo sadii kan of keessaa qabuudha. Isaanis:

1. Mootummaa jijjiiramaa galateeffachuu፡ galateeffannaan kun gumaacha inni ummata Muslimaa biyyattiitiif oole kan akka Majlisa labsiin dhaabuu, Shirri baay’een jiraachuu wajjin tokkummaa Muslimaa irratti cichuu, akka ummanni Muslimaa diinagdee keessatti hirmaatuuf baankii dhala irraa bilisaa eeyyamuu, yaa’iin majlisa federaalaa inni yeroo dhiheenyaa akka geggeeffamu deeggarsa barbaachisu gochuufi kkf irratti yoo tau maqaa ummata Muslimaa naannichaatiin gumaacha gurguddoo kanneeniifi kan biroo irrattis Mootummaa jijjiiramaa akka ni galateeffanna; akkasumas sochii barbaachisaa hunda keessatti mootummaa wajjin ummatichi akka dhaabbatu waamicha dabarsina.

2. Hoggantoota majlisa federaalaa haaraa filatamaniif sagalee ta’uu: Muslimoonni Itoophiyaa bara dheeraaf hogganaa isa fakkaatu argachuuf dheebotaa ture. Murtii Rabbii ta’ee osoo carraa hogganaa isaa filachuu hin argatin ture. Bara jijjiiramaa keessa yeroo wantoonni baay’een sirraa’anis hoggansi Islaamaa sirraa’uu hin dandeenye. Qabsoon ummatichaa galma isaa dhiisee gara hin barbaachifne deeme. Hogganaan amma yaaii walii galaatiin gaafa Caamsaa 18/2014 ibsame ummata Muslimaatiif gammachuu hundaa oliiti. Sababa kana ummanni biyya keessaafi alaa, waldaaleefi dhaabbileen Islaamaa baay’een gammachuu isaanii ibsataa turan; ammas ibsataa jiru. Nutis akka hoggansa majlisa Oromiyaatti gammachuu keenya ibsachaa deeggarsa hoggansa haaraa kanaaf qabnu ibsuu barbaanna. Gara fuulduraatti haga dhumaatti akka bira dhaabbannu waadaa seenna.

3. Murtiileen yaa’ii walii galaatiin murtaa’an hojiirra akka oolan gaafachuu: Yaa’ichi murtiilee ijoo ta’an baay’ee dabarseera. Haa ta’u malee gaaffiin ummata Muslimaa yeroo dheeraaf waan walirra kuufamaa dhufeef murtichi humna hoji raawwachiiftuu qofaan kan raawwatamuu miti. Kanaafuu qaamni dhimmi isa ilaallatu hundi deeggarsa gochuu qaba. Keessumaa mootummaan murtiilee kana hojiirra oolchuu keessatti shoora olaanaa waan qabuuf deeggarsa isarraa barbaadamu akka bahatu ni gaafanna.

Dhuma irratti ummanni Muslimaas dandeetti qabu hundaan raawwii murtii kanaa bira akka dhaabbatuufi hoggansa haaraa kana akka deeggaru ni gaafanna. Rabbiin biyya keenyaaf tasgabbiifi nageenya waaraa haa kennu. Dhaabbata Muslimootaa kanas cimaafi kan mirga ummatichaa kabachiisuu nuuf haa taasisu.

Allaahu Akbar

Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa

Caamsaa 24/2014

Finfinnee

Recent Posts

Gaafni Bineensa kanaa Dheerina nama hedduu ni caala.

Ardii Afriikaa keessaa uumama gosa hedduu fi lakkoofsaanis heddu qabaachuun naannoon beekkamu, Afriikaa gama bahaa…

15 hours ago

Osoo Abbaan Murtii hundi akkana tahee dachiin nagaya taate!

Islaamummaa keessatti haqni iddoo guddaa qaba. Haqummaan nama hunda walqixa tajaajiluu jechuudha. Haqa muruun ykn…

17 hours ago

Daa’iin beekamaan kun akkamitti Islaamummaa qabate?

Rabbin faarsuun jalqabna. Isa faarsina, isa gargaarsifanna, araarama isa kadhanna. Badii teenyarraa isatti maganfanna. Akkasumas…

2 days ago

Onneen teenya guyyaa tokkotti dhiiga liitira 7200 ta’u geejjibdi

Barruu Mata duree Dhahannaa Onnee jettu dubbistanii jirtuu? yoo dubbisuu baattan LINK kana tuqaa dubbisaa.…

2 days ago

Nama waggaa 70f somba sibiilaatiin harganaa jiru

Diizaayinarri khawnii hundaa Rabbii guddaadha. Isaatu uumamaalee hunda akka isaaniif malutti uume. Qocaa dhakka ba’achiisee…

3 days ago