header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Murtii Korri waliigalaa mana marii dhimmoota Islaamummaaa Ityoophiyaa dabarse deeggaruun hiriirri geggeeffame

Hawaasni muslimaa, Oromiyaa dabalatee magaaloota naannolee biyyaattii garagaraatti, murtii korri walii galaa mana marii dhimmoota Islaamummaaa Ityoophiyaa dabarse deeggaruun, jum’aa har’aa hiriira deeggarsaa geggeessaa oole.

Hiriira masjiidotaa fi iddoo garagaraatti geggeeffame kanarratti, hawaasni muslimaa dhaaddannoolee heddu kan dhageessise yoo ta’u, mootummaan murtii korri walii galaa dabarseef beekkamtii akka keennu gaafatamee jira.

Korri walii galaa mana marii dhimmoota Islaamummaaa Ityoophiyaa walga’ii Caamsaa 18,2014 Hoteela Sharaatanitti geggeesseen, hoggantoota mana marichaa kan duraanii sagalee caalmaan angoo irraa kaasuun, hoggantoota ce’umsaa ji’oota afuriif turan muuduun ni yaadatama. Haata’u malee hoggantoota duraanii jidduu namoonni muraasni murtii kora walii galaa kana diduun, raawwii isaa danquudhaaf karaa seeraan alaatiin socho’aa jiraatuun ni beekama.

Back to top button