Kowaalaa (Koala)

Rabbiin keenya dachii tanarratti uumama adda addaa, haalaa fi amala garagaraa qaban uumee jira. Nutis uumama dachii tana guutuu keessatti faca’anii jiran daa’wachaa guddina isaa ragaa baana. Uumamni barruu tana keessatti ilaallu Kowaalaa jedhama. Kowaalaan hoosiftoota xixiqqoo keessatti ramadama. Uumamni kun uumama marsupial ykn ammoo warra korojoo garaa jalaa qaban keessatti ramadama. Garee marsupial keessatti bineensota akka Kaangaarootu argama.

Kowaalaan, fuula geengoo fi bal’aa akkasumas gurra guddaa rifeensaan uwwifame qaba. Funyaan isaa gurraacha yoo ta’u, eegee ammoo hin qabu. Rifeensi gogaa isaa irratti argamu akkaan tuucha’aadha. Bifti rifeensa isaatis daalacha. Garaa jalaa ammoo rifeensi isaa ni haphata akkasumas bifti isaa adiidha. Kowaalaan hedduminaan muka gubbaa jiraata. Kanaaf ammoo harkaa fi miila gaggabaabaa, qeensa jabaa fi qaraa badhaafamee jira. Dabalataanis qubbeen ajaa’ibaa Rabbiin isaaf kenne. Uumamni kun akkuma ilma namaa quba shan kan qabu yoo ta’u, garuu quba abgudda 2 qaba. Akkasumas faallaa qubbiin sadanii jira. Kanaafuu yeroo mukarra taa’uu barbaadu, haala ajaa’ibaatiin jabeessee qabatuu danda’a.

Kowaalaan naannoo bosona Awustraaliyaa kibba bahaa keessatti argama. Uumamni kun dachii bosonaan uwwifame hunda keessa jiraachuu ni danda’a. Muka dheeraas ta’e gabaaba irra jiraachuun isaaf salphaadha. Garuu muka baargamoo qofa irra qubata. Uumamni kun uumama kophaa jiraatu yoo ta’u, soorata ofii barbaadufis olii gad deemuun isarraa hin eeggamu. Guyya guyyaa mukarra rafaa oolee, halkan ammoo mukuma san irraa baala soorata. Sooranni inni nyaatus baaluma muka baargamoo kanaa waan ta’eef heddus hin sosocha’u. Yoo muka tokkorraa gara biraa cehuu barbaade qofa, gara lafaa bu’a. Kowaalaan hundi qubsuma mataa isaa tolfatee jiraata. Inni tokko qubsuma Kowaalaa biraa keessa hin seenu. AKka tasaa ta’ee kormaan tokko qubsuma kormaa biraa keessa seennaan waraana guddaatu banama.

Bineensonni kopha kophaa jiraatan, yeroo sanyii ofii bakka buusuu barbaadan walitti dhufuun isaanii hin oolamu. Kormaan yoo wal hormaataaf qophaaye, sagalee guddaan dhaltuu ofitti waama. Dhaltuun hedduunis gara sagalee san imalanii qubsuma isaa keessa seenu. Kormaan kunis dhaltuuwwan qubsuma isaa keessa seenan hunda waliin wal qunnamtii wal hormaataa raawwata. Kana booda dhaltuuwwan deebi’anii gara qubsuma isaanii deemu. Rimeeyni isaaniitis guyyaa 35 qofaaf tura. Dhaltuun takka ilmoo tokko qofa dhalti. Ilmoon dhalattus guddinni isii kinniisa hin caalu. Ilmoon tun deemsa dheeraa godhuudhaan korojoo haadhaa keessa seenti. Eega korojoo keessa seenteen booda mucha korojii keessa jiru lamaan jidduu tokko qabatti. Haga ji’a torba guuttee harma haadhaa guututti korojoma haadhaa keessa turti. Turtii kanaan booda lammata dhalattee addunyatti makamti. Adeemsi itti aanu duyda haadhaa irra jiraatuudha. Haga of dandeettee kophatti baatutti haadhuma waliin turti.

Subhaanallaah uumaan Rabbii keenyaa kan ajaa’ibaati. Waan fedhe akkuma ofii isaatii fedhetti uuma. Garii garama keessatti qaama hunda itti godhee uuma. Garii ammoo hanqaaquu keessaa baasa. Akka Kawoolaa kana ammoo garii korojoo biraa qopheessee gadameessaan alatti akka guddatan isaan godha. Kana hunda akka godhan ammoo isumatu isaan barsiise. Wanti akka tasaa lafaa ka’ee waan kana barate hin jiru.

فَتَبَارَكَ اللَّهُ أَحْسَنُ الْخَالِقِينَ


Kowaalaan biqiltoota soorata. Akkuma dura isinitti himne baargamoo Awustraliyaa keessa jiru soorata. Sanyiin baargamoo 600 ol kan jiru ta’us, soorata Kowaalaatiif kan oolu 30 qofa. Baala Baargamoo kana uumamni biraa hin sooratu. Sababaan ammoo baalli baargamoo akkaan jabaataa ta’uu isaati. Sababaan lammataa ammoo albuudni baala kana keessa jiru faaybarii qofa. Akkasumas baalli baargamoo summii qaba. Rabbiin Kowaalaa wantoota kanniin hunda akka dandamatu godhee uume. Haalli uumama isaa baala bargamoo soorachuuf akka mijjaahutti uumame. Keessi afaan isaa jabaa yoo ta’u, baala baargamoo irraa miidhaan isarra gahu hin jiraatu. Faayibariin Anniisaa guddaa hin qabu. Kanaaf bineensonni heddu soorata faayibarii heddummaatu hin fedhan.

 

Kowaalaan baala baargamoo kan faayibarii qofa qabu waan sooratuuf humna gahaa hin qabu. Sababaa kanaaafis saa’aa 24 keessaa saa’aa 18 hirribaan dabarsa. Tiruun isaa ammoo baala san keessaa summii qulqulleessuun, fayyaa qaama isaa tiysa.
Diinni guddaan uumama kanaa simbira gurguddaadha. Akkasumas ilmoolee xixiqqoo ammoo bofni adamsee soorata. Kan kanarraa hafe uumamni kun nagayaan jiraata jechuu ni dandeenya. Haa ta’u malee, ilmi namaa qubsuma isaa jalaa barbadeessaa waan jiruuf lakkoofsi isaa xiqqaachutti jira. Ilmi namaa jiruu ofii tolfachuuf jecha bosona ciree mana ijaarrata. Sababa kanaaf Kowaalaan eddoo jireenyaa fi sooratas dhabutti jira.

Uumamni kun hedduminaan baala waan sooratuuf bishaan heddus hin dhugu. Bishaan isa barbaachisu baaluma keessaa argata. Ilmooleen xixiqqoon korojoo haadhaa keessaa bahan akkuma gad bahaniin baala sooratuu jalqabu. Haa ta’u malee ilkaan isaanii baala jajjabaataa san bulleessuu hin danda’u. kanaafuu waan haati isaanii alanfattee jalaa bu’ee guuranii sooratu.

Qophii Abu Ibtisam

Recent Posts

Gaafni Bineensa kanaa Dheerina nama hedduu ni caala.

Ardii Afriikaa keessaa uumama gosa hedduu fi lakkoofsaanis heddu qabaachuun naannoon beekkamu, Afriikaa gama bahaa…

15 hours ago

Osoo Abbaan Murtii hundi akkana tahee dachiin nagaya taate!

Islaamummaa keessatti haqni iddoo guddaa qaba. Haqummaan nama hunda walqixa tajaajiluu jechuudha. Haqa muruun ykn…

18 hours ago

Daa’iin beekamaan kun akkamitti Islaamummaa qabate?

Rabbin faarsuun jalqabna. Isa faarsina, isa gargaarsifanna, araarama isa kadhanna. Badii teenyarraa isatti maganfanna. Akkasumas…

2 days ago

Onneen teenya guyyaa tokkotti dhiiga liitira 7200 ta’u geejjibdi

Barruu Mata duree Dhahannaa Onnee jettu dubbistanii jirtuu? yoo dubbisuu baattan LINK kana tuqaa dubbisaa.…

2 days ago

Nama waggaa 70f somba sibiilaatiin harganaa jiru

Diizaayinarri khawnii hundaa Rabbii guddaadha. Isaatu uumamaalee hunda akka isaaniif malutti uume. Qocaa dhakka ba’achiisee…

3 days ago