Meeshaawwan Ilma namaatiin hojjatamanii kanneen saffisa guddaa qaban

Yeroo haalaan dhiphatte tana dhaqqabuuf jecha ilmi namaa teknolojii garagaraa hojjachutti jira. Inni kaleessa dhageenye arra jijjiiramee sadarkaa biraa irra gaheera. Adaduma lakkofsi baraa dabalaa deemuun meeshaan haarawa uumamus waan haarawa qabatee dhufutti jira. Makiinaan jalqaba bara 1886 Jarman keessatti oomishame saa’aa tokko keessatti kilomeetira 16 qofa deemuu dandaya. Namni makiinaa kanaan deemu Adaamaarraa ka’ee finfinnee gahuuf saa’aa 6 ol isa barbaachisa jechuudha. Istaandaardii amma jiruun namni Adaamaa ka’ee Finfinnee seenuuf sa’aan tokko gahaadha. Haa tahu malee makiinaa Ispoortii kan Bugatti Chiron Super Sport jedhamuun yoo gufuun jiraatuu baatee daqiiqaa 15 keessatti finfinnee dhaqqabuun ni dandayama. Saffisini kun if duras dabalaa akka deemu eeggama. Barruu tanaan meeshaa ilmi namaa oomisheefi saffisa jabaa qabu isinii dhiheessina.

10. Air Force hypersonic rocket Sled = Saa’aa tokko keessatti Kilomeetira 10,600

Meeshaan kun hadiida baaburaa irra kan fiigu yoo tahu, rookkeettiiwwanii fi saatalaayitoota gara hawaa ergaman furgugeessuudhaaf tajaajila. Wayta meeshaan kun dhukaafamu ija keessan libsannaan isin jalaa bada. Kanaafuu haga ija keessan duraa dhabamutti ijuma banattanii eeguu qabdan. Lafti teenya gama mudhii lafaatiin kilomeetira 40,075 bal’atti. Haala kanaan meeshaan kun lafarra naannayee fixuudhaaf saa’aa 4 qofa itti fudhata. Yoo kun ajaa’iba isinitti tahe kan biraatis ni qabnaa nu faana turaa.

9. NASA X-43 (Xayyaara shofeera hin qabne) = Saa’aa tokko keessatti Kilomeetira 11,000

Xayyaarri Shofeera malee qilleensa gubbaa akka allaattii burraaqu kun dhaabbata qorannoo Hawaa NASA jedhamuun oomishame. Xayyaarota haga ammaa ilma namaatiin oomishaman keessaallee isa saffisa guddaati. Dhaabbanni NASA kun xayyaarota X-43A, X-43B fi X-43C jedhaman oomishee jira. Inni duraa bara 2001 osoo barrisuuf qophitti jiru rakkoo teeknikaatiin dhoohee bittinnaaye. Isarratti hundaa’uun bara 2004tti lamaan hafan milkiin lafaa ka’anii barrisuu dandayaniiru. Yeroo ammaa kanatti xayyaarri akkanaa kun akka hin oomishamne mootummaa Ameerikaatiin dhoorkameera.

8. Space Shuttle Colombia and Discovery = Saa’aa tokko keessatti Kilomeetira 28,000

Saatalaayitiiwwan qorannoo hawaatiif ergaman keessaa Space shuttle Colombia fi Discovery kanneen jedhaman isaan ijoodha. Lakkuulee jedhamuun kan beekkaman saatalaayitiiwwan kunniin sa’aa takkatti saffisa kilomeetira 28,000 qabu. Lafarra naannayanii fixuudhaaf saa’aa tokkoo fi daqiiqaa muraasa itti fudhata. Space Shuttle Colombia inni jedhamu isa irra deddeebidhaan gara hawaa ergameedha. Yeroo 27 milkiin gara hawaa ergamee deebi’eera. Yeroo 28ffaa milkiin eega gara hawaa ergameen booda wayta ergama isaa xumuree gara baqqaana (Atmosphere) lafaa deebi’utti bara 2003 caccabee, qorattoota qabatee ture 7nuu ajjeeseera.

7. Apollo 10 = Saa’aa tokko keessatti kilomeetira 40,200

Meeshaan ajaa’ibaa NASAdhaan hojjatame kun tajaajila qorannoo ji’aatiif jecha gara hawaa ergame. Apollo’n kaayyoo tokko qabatee gara addeessaa ergame. Innis addeessarra qubatee waan achirra jiru hunda akka qoratuuf ture. Garuu milkaayuu hin dandeenye. Ji’arra yeroo 31 naannayee qubatuu waan dadhabeef gara dachii deebifameera. Yeroo deebi’u sanittis harkisni lafaa itti dabalamee saa’aa tokko keessatti kilomeetira 40,200 fiiguu dandayeera. Isatti aanee kan ergame Apollo 11 addeessarra qubatuu dandayeera.

6. The Stardust Space Probe = Saa’aa tokko keessatti kilomeetra 46,500

NASA’n meeshaa kana koomeetii wild 2 jedhamurraa biyyee fuudhee akka dhufuuf jecha bara 1999tti gara hawaa erge. Akkuma ergametti waggaa 7 booda bara 2006tti biyyee fuudhee deebi’eera. Maashinni kun eega baqqaana lafaa gad dhiiseen booda hawaa keessa sa’aa tokko keessatti kilomeetira 46,500 fiigaa ture. Saffisa kana fayyadamee biyyee fidee dhufuudhaaf waggaa 7 itti fudhate. Koomeetiin Wild 2 jedhamu kun lafarraa kilomeetira 829,890,390 fagaatee argama.

5. New Horizon = saa’aa tokko keessatti kilomeetira 58,600

Qorattoonni dhiheenya kana Pluutoon plaaneetii miti jechuun plaanetoota duraan beeknu keessaa baasaniiran. Pluutoon pilaaneetii fakkaattus amaloota pilaaneetiiwwan kuuwwan qaban waan hin qabneef dwarf Planet jedhamuun moggaafamte. NASA’nis qaama haalaan nurraa fagaattee fi Pilaaneetii keessaa haqamte tana qorachuudhaaf Maashina New Horizon jedhamu gara hawaa erge. New Horizonis saa’aa tokko keessatti kilomeetira 58,600 imaluudhaan Pluutoorra naannayee qorachuutti jira.

4. Voyager 1 = saa’aa tokko keessatti Kilomeetira 61,200

Bara 1977tti Maashinni kun waan hawaa kana keessatti haalaan nurraa fagoo jiru akka qoratuuf jecha ergame. Maashinni kun waggaa 30 booda bara 2013 bakka yaadamu dhaqqabe. Beekumsa ilmi namaa amma qabuunis maashinni fagoo deemuu dandayes isa Voyager 1 jedhamu kana. Yeroo ammaa kanatti kilomeetira biiliyana 22.2 lafarraa fagaatee argama. Achi dhaqqabuuf saa’aa tokko keessatti kilomeetira 61,200 fiigaa ture. Meeshaan kun waggaa 40 booda dhaamsa garagaraa gara lafaa ergaa jira. Qorannoo isaa bara 2025tti xumuree gara lafaa ni deebi’a jedhamee eeggama.

3. Galileo Spacecraft = Saa’aa tokko keessatti Kilomeetira 174,000

Maashinni kun Plaaneetii Jupitar jedhamtu akka qoratuuf bara 1989tti ergame. Juppitarii, ji’aa fi atmoosfeera Juppiter eega qoratee geesseen booda bara 2003tti ergama isaa xumuree jira. NASA’n Meeshaa kana gara lafaa deebisuu hin barbaanne, achuma baqqaana (atmosphere) Juppiter keessatti akka caccabu taasifame. Yeroo gara Jupitar fiigu kanattis saffisni isaa saa’aa tokko keessatti kilomeetira 174,000 gahuu dandayeera. Saffisa kanaan namni tokko daqiiqaa 14 keessatti lafarra naannayee fixuu ni dandaya.

2. Helios 1 fi Helios 2

Maashinoonni lamaan kunniin bara 1970moota keessa Aduu akka qorataniif jecha ergaman. Waan oowwaan wal qabatu qorachuudhaan dhaamsa gara lafaa ergaa turan. Maashinoonni kunniin lamaan dhibbeenta 70 kan tahu mootummaa Jarmaniitiin too’atamu. Helios 1 saa’aa tokko keessatti kilomeetira 238,000 fiiga, Helios 2 ammoo kilomeetira 247,000 fiiga. Ergama isaanii xumuranii dhaamsa gara lafaa erganii turan. Haa tahu malee yeroo ammaa kana walqunnamtiin lafa waliin qaban addaan citeera. Yeroo xumuraatiif kan dhaamsa erganis Helios 1 bara 1986 fi Helios 2 ammoo bara 1980 ture. Bakki isaan jiranis hin beekamu.

1. Parker solar Probe = Saa’aa tokko keessatti Kilomeetira 343,000

Akkuma Helios Maashinni kunis aduu akka qoratuuf ergame. Saffisini isaa garuu waan haga arraa ilmi namaa oomishe hunda caala. Saa’aa tokko keessatti Kilomeetira 343,000 fiiga. Maashinni kun qajeela gara aduu deemaa jira. Adaduma adutti dhihaatuun saffisini isaatis dabalamaa deema. Waan ilmi namaa oomishe keessa kan ammaan tana haalaan adutti dhihaatee jirus isa kana. Akka NASA’n jedhutti Maashinni kun aduutti dhihaatee qoratuuf tattaaffii godha. Bara 2024tti saffisini isaa dachaan dabalee saa’aa tokko keessatti kilomeetira 692,000 ni gaha jedhamee eeggama. Maashinni kun August 12, 2018 gara hawaa Qajeelfame. Akka saayintistoonni karoorsanitti waggaa 7 keessatti ergama isaa ni xumura jedhamee eeggama. Garuu ammas aduurraa hedduu fagoo jira. Hubadhaa! Maashinni kun sa’aa 1 keessatti KM 343,000 fiiga. Kana jechuun sa’aa 1 keessatti hoggu 15 ol Finfinnerraa ka’ee Ameerikaa New York dhaqee deebi’uu dandaya jechu. Gabaabinaan daqiiqaa 2 keessatti itiyoophiyaarraa ameerikaa gaha jechu. Kanarraa ammoo aduun tun hangam takka dachiirraa akka fagaattu hubachuun nama hin dhibu.

Aduun hangana dachirraa fagaattu tun fageenya kanarraa nama gubdi. Subhan Allaah, Rabbiin uumaa waa hundaa tahe qulqullaaye. Asirratti waan takka isinii dabaluu barbaanna. Halkan Mi’raajaa Rasuulli ﷺ Baytal Maqdis irraa gama samii bahanii deebi’uun beekamaadha. Namoonni gariin ilma namaa dhamaasuuf jecha, akkamitti halkan takkaan samii dhaqanii deebi’uun dandayama jedhan. Kunoo akkuma amma isinii dhiheeysine meeshaan Ilmi namaa tolchehuu saffisa ajaa’ibaa kanaan gama samii fiigutti jira. Meeshaan Rabbiin guddaan tolche hoo? Tana isinumti if gaafadhaa. Mala’ikaan Rabbiin guddaan haala addaatiin uume Maaykroo sakandii takka keessatti hawaa guutuu naanayuu ni dandaya. Kun ilma namaatiif ulfaataa taha malee, Rabbii waan hunda uumeef salphaadha.

Qophii: Abu Ibtisam

Recent Posts

Gaafni Bineensa kanaa Dheerina nama hedduu ni caala.

Ardii Afriikaa keessaa uumama gosa hedduu fi lakkoofsaanis heddu qabaachuun naannoon beekkamu, Afriikaa gama bahaa…

16 hours ago

Osoo Abbaan Murtii hundi akkana tahee dachiin nagaya taate!

Islaamummaa keessatti haqni iddoo guddaa qaba. Haqummaan nama hunda walqixa tajaajiluu jechuudha. Haqa muruun ykn…

19 hours ago

Daa’iin beekamaan kun akkamitti Islaamummaa qabate?

Rabbin faarsuun jalqabna. Isa faarsina, isa gargaarsifanna, araarama isa kadhanna. Badii teenyarraa isatti maganfanna. Akkasumas…

2 days ago

Onneen teenya guyyaa tokkotti dhiiga liitira 7200 ta’u geejjibdi

Barruu Mata duree Dhahannaa Onnee jettu dubbistanii jirtuu? yoo dubbisuu baattan LINK kana tuqaa dubbisaa.…

2 days ago

Nama waggaa 70f somba sibiilaatiin harganaa jiru

Diizaayinarri khawnii hundaa Rabbii guddaadha. Isaatu uumamaalee hunda akka isaaniif malutti uume. Qocaa dhakka ba’achiisee…

3 days ago