Saatalaayitii

Biyyi teenya Itiyoophiyaan waggaa sadi dura, saatalaayitii takka gargaarsa mootummaa Chaaynaatiin gara hawaa erguun isii beekkameera. Saatalaayitiin observatory taate ykn ammoo lafa akka qorattuuf ergamte tun seenaa biyya keenyaa keessatti tan jalqabaati. Odeeffannoowwan garagaraa walitti qabuun guddina biyya keenyaatiif gumaacha akka gootu himamee tura. Saatalaayitii jechuun maashina asii qofa ergamuu miti. Fakkeenyaaf lafti teenyas Saatalaayit jedhamuun beekamti. Dimshaashumatti saatalaayit jechuun waan pilaaneetii tokko irra naannawu jechuudha.  Haala kanaan lafti nuti irra jirru tun aduu irra waan naannooftuuf saatalaayitii aduuti. Addeessi lafarra waan naannayuuf satalaayitii lafaati. Maashinoonni biyyoota garagaraatiin ergaman ammoo dachii fi Plaanetota biraa irra naannawa odeeyfannoo waan funaananiif satellite jedhamanii waamaman. Barruu tanaan qabxiiwwan muraasa waa’ee saatalaayitii isinii dhiheessina.

Hawaa keenya keessa Saatalaayitiiwwan kumaatamaan laakkawamntu jira. Gariin isaanii haala qilleensaa hordofaa odeeyfannoo nuuf kennu. Kan dachii fi wantoota hawaa keessa jiran cufa suuraa akka kaasaniif qofa ergamanis ni jiru. Gama biraatiin saatalaayitiin odeeyfannoo ykn communication satellite jedhaman ni jiru. Isaan kunniin dambalii TV fi Raadiyoo akkasumas dambalii telefoonaa tamsaasuudhaaf tajaajilu. Saatalaayitiiwwan GPS ykn Global Positioning kan 20 tahan ni jiru. Saatalaayitoonni kunniin gareen dalagu. Telefoona GPS qabu yoo qabaattan gargaarsa Saatalaayitoota kanaatiin bakka barbaaddan dachii tanarraa ilaaluu dandeessu.

GPS ( Global positioning system)

Saatalaayitiin jalqaba gara hawaa ergamte Sputnik 1 jedhamti. Gamtaa Sooveetii Raashiyaatiin bara 1957tti gara hawaa ergamte. Saatalaayitiin kubbaa fakkaattu tun bal’ina diyaameetrii seentimeetira 58 qabdi. Ulfaatinni isii ammoo kilograama 83 taha. dachii teenyarraa Kilomeetira 800 ol fagaattee naannayaa turte. Saatalaayitiin tun saffisa guddaa qabdi. Sa’aa tokko keessatti Kilomeetira 28,968 kan fiigdu yoo taatu, daqiiqaa 96 keessatti dachii teenya irra naannayaa turte. Dachii tanarras yeroo 1,440 naannawuu isiitu himama. Ji’a sadihiif eega dachii tanarra naannofteen booda sababa baatiriin dhumateef bara 1958titti caccabde.

Haga ammaatti saatalaayitoonni 8,378 caalan gara hawaa ergamanii jiru. Kanniin keessaa gariin deebi’anii gariin ammoo caccabanii kufuun yeroo ammaa saatalaayitoonni 4,994 hawaa keessa akka jiran beekameera. Haa tahu malee hundi isaanii hin dalagan. Hanga Bara 2019tti saatalayitoota 1,800 tahantu seeraan dalagutti jira.

Sputnik 1 (Saatalaayitii jalqaba gara hawaa ergamte)

Saatalaayitoota gama samii ergaman keessaa tan yeroo dheeraaf samii keessa turte Vanguard 1 jedhamti. Saatalaayitiin tun Bara 1958titti Ameerikaan gama hawaa kan ergamte. Haga ammaatis achuma jirti. Haa tahu malee sababa garagaraatiin bara 1964tti walqunnamtiin lafa waliin qabdu addaan citee jira. Ammas hawaa keessa akka jirtu suuraawwan garagaraa irraa beekkameera.

Satalaayitoonni ulfaatina garagaraa qabu. Comminication satellite warri jedhamanii fi dambaliiwwan TV, raadiyoo fi telefoona daddabrsan haalaan gurguddoodha. Guddinni isaaniin makiinaa minibaasiitiin wal qixa. ulfaatinni isaaniitis Kilograama 5400tti dhihaata. xixiqqoon ammoo kilograama 1 qofa ulfaatanis ni jiru.

Communication satalite

Hawaan teenya bal’oodha. Rabbi bal’isee isii uume. Ammas bal’atutti jira. Kanaafuu saatalayitiiwwan gara hawaa ergaman heddummaataa jiranis walitti bu’iinsi isaan jiddutti mudatu hin jiru. Haga ammaatti yeroo tokko qofa akka walitti bu’an gabaafameera. Kunis bara 2009tti yoo tahu, kan walitti bu’an Saatalaayitii Ameerikaa fi Raashiyaati. Kanaaf sababaan dogoggora gaafa jalqabaa uumame akka tahes gabaafameera. Rabbi hawaa keessa falaka ykn Orbit heddu qopheesseera. Saayintistoonnis saatalaayitii takka wayta ergan orbiitii tokkorra kaayan. Saffisa ittiin deemtus ni murteessan. Kana booda Saatalaayitii biraa Orbitii biraa irra kaayan. Haala kanaan walitti bu’iinsarraa hafan. Tarii yeroo ammaa kana heddummaachuun isaaniitii fi hedduun isaanii ammoo dalagaa dhaabuun isaanii if duraaf rakkoo tahuu akka malu tilmaamameera.  

Qophii Abu Ibtisam

Recent Posts

Gaafni Bineensa kanaa Dheerina nama hedduu ni caala.

Ardii Afriikaa keessaa uumama gosa hedduu fi lakkoofsaanis heddu qabaachuun naannoon beekkamu, Afriikaa gama bahaa…

15 hours ago

Osoo Abbaan Murtii hundi akkana tahee dachiin nagaya taate!

Islaamummaa keessatti haqni iddoo guddaa qaba. Haqummaan nama hunda walqixa tajaajiluu jechuudha. Haqa muruun ykn…

17 hours ago

Daa’iin beekamaan kun akkamitti Islaamummaa qabate?

Rabbin faarsuun jalqabna. Isa faarsina, isa gargaarsifanna, araarama isa kadhanna. Badii teenyarraa isatti maganfanna. Akkasumas…

2 days ago

Onneen teenya guyyaa tokkotti dhiiga liitira 7200 ta’u geejjibdi

Barruu Mata duree Dhahannaa Onnee jettu dubbistanii jirtuu? yoo dubbisuu baattan LINK kana tuqaa dubbisaa.…

2 days ago

Nama waggaa 70f somba sibiilaatiin harganaa jiru

Diizaayinarri khawnii hundaa Rabbii guddaadha. Isaatu uumamaalee hunda akka isaaniif malutti uume. Qocaa dhakka ba’achiisee…

3 days ago