header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Iddoon Dorgommiin Qur’aanaa itti geggeeffamu Istaadiyeemii Finfinnee irraa jijjirame

Dorgommiin Qur’aanaa Idil addunyaa yeroo jalqabaatiif jimaata irraa jalqabee Itiyoophiyatti geggeeffamaa jiru, sagantaan cuffinsaa guyyaa boruu Istaadiyeemii Finfinneetti geggeeffama jedhamee ture. Haa ta’u malee sababaa qopheessitoonni sagantichaa qaama dhimmi ilaallaatu irraa ulaagaa guutuu qaban hin guutiiniif, sagantichi Istaadiyeemii Finfinnee irraa jijjiramee iddoo biraatti kan geggeeffamu tahuu ibsame.

Haaluma kanaan keessumoonni kutaa biyyattii garaagaraa irraa sagaanticha irratti hirmaachuuf gara Finfinneetti imaaluuf qophitti jiran, achuma naannawa isaanii irraa akka hordofan qopheessitoonni sagantichaa ibsaniiru.

Back to top button