header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Faawundeeshiniin Dubartoota Rufeeydaa barattoota 110 eebbisiise.

Rufaida Women’s Foundation Guyyaa har’aa Waxabajjii 19-10-2014 (June 26, 2022) barattoota Sagantaa (Diploama in Islamic Study) tiin barsiisaa ture eebbisiise. Sagantaa eebba kana irratti barattoonni 110 kan eebbifaman yoo tahu, saganticharratti keessummoonni gurguddoon heddu afeeramanii jiru. Sagantaa eebbaa magaalaa Asallaatti gaggeeffame kanarratti; Dr. Muhammad Haamiddiin, Sheikh Jamaal Aliyyii, Ustaaz Xaaliburidallaah, Ustaaz Abuu Abdallaah (Umar Abdurrahmaan), Ustaaz Waziir Muhammad fi keessummoonni gurguddoon birootis saganticharratti argamaniiru.

Sagantaa Eebba Marsaa 2ffaatiif gaggeeffame kanarratti, Qajeeltuu Muhammad Hinseenee, Haliimaa Gabii Bariisoo fi Fawziyaa Siraaj Abdulqaadir sadarkaa 1ffaa-3ffaa bahuun badhaasa addaa badhaafamaniiru.

Back to top button