header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Sirna Hargansuu Ilma Namaa

Wantoota Rabbiin kafaltii takka malee nu badhaase keessaa inni tokko qilleensa uumamaati. qilleensa harganu malee, namni daqiiqaa 1f turuu danda’u hin jiru. Tarii namoonni muraasni kan kennaa addaa qaban turuu ni dandahu. Garuu irra caalaan ilma namaa daqiiqaa tokkoo ol hin turu. Ni’maa Rabbiin nu badhaase kana xiinxaluu barbaachisa. Mee osoo qilleensi mallaqaan ka gurguramuutii guyyarraa nama meeqatu dhuma? Osoo qilleensaaf gibirri kan kafalamuutii maaluma taana laata? Waan isa malee jiraachuun hin danda’amne kana Rabbii guddaa irraa tolaan badhaafamuun kun qananii guddoo mitii? Gargaarsa Rabbii guddaatiin oksijiinii ol fudhannee, kaarbondaayoksaayidii gad baasutti jirra. Mee Sirni hargansuu kun maal fakkaata. Qaamni dalagaa kana dalagu haala kamiin dalagutti jira. Waan nuti quba hin qabne kan nu booda dalagamaa nu jiraachisu kana tafakkurtanii beeytuu? Isin keessaa namni itti yaadee ” amma sa’aa kanarraa eegalee harganuu qaba”jedhee harganee beeku jiraa laata? Dalgaan Ajaa’ibaa kan jireenya keenyaaf akkaan barbaachisaa tahe kun, osoo nuti quba hin qabne dalagama. Qaamni keenya harganuudhaaf hayyama nurraa hin barbaadu. Sammuufi Lubbuun teenyas sirna hargansuu kana toohachuu hin danda’an. Kun badhaasa addaati. Barruu tana keessatti waahee sirna hargansuu kanarraa qabxiilee muraasa ilaalla.

Qilleensi jireenya keenyaaf barbaachisu akka gara keessaa seenuufi qilleensi hin barbaachisne ammoo akka gara alaa bahu kan godhu sirna hargansuu jedhamuun bekkama. Sirni hargansuu qaamota garagaraa heddu of keessaa qaba. Funyaan, Kokkeen,ujummoon qilleensaa akkasumas Sombi qaama Sirna hargansuuti. Hunduu jiruuf jireenya keenya keessatti qoodni isaan qaban guddaadha. Qaamman sirna hargansuutiif tajaajilan keessaa inni alatti argamuufi ija keenyaan mul’atu funyaan keenya. Funyaan balbala qilleensa gara keessaa ittiin seensifnuu fi ittiin baasnuudha. Funyaan keenya keessa rifeensi heddu kan argamu yoo ta’u, dalagaan rifeensa kanaatis dhukkee fi balfi garagaraa karaa funyaaniitiin seenee akka qaama keenya hin miine ittisuudha. Ilmi namaa yeroo tokko tokko karaa afaaniitiin qilleensa fudhachuu fi baasuu ni danda’a. Garuu wanti afaan kenyaan seenuu qulqullina waan hin qabneef qaama keenya miidhuu danda’a.

Funyaanitti aanee qaamni hargansuuf tajaajilu Laariinkis (larynx) jedhama. Qaamni kun kokkee keessatti argama. Maqaa biraa sanduuqa sagalee jedhamuunis ni waamama. Dalagaan isaatis ujummooo qilleensaa fi funyaan keenya wal qunnamsiisuudha. Isatti aanee ammoo ujummoo qilleensaatu jira. Ujummoon qilleensaa bal’inni diyaameetirii isaa seentimeetira 2.5 ta’a. qaamni kunis daandii qilleensi ittiin deddeebi’u ta’udhaan tajaajila. Ujummoo qilleensatti aanee qama Biroonkaay (Bronchi) jedhamutu jira. Biroonkaay ujummoo qilleensaa bakka lamatti qooduudhaan qilleensi alaa dhufe somba lamaan akka dhaqqabu taasisa. Kanatti aansuudhaan wiirtuu sirna hargansuuttu argama. Wiirtuun sirna hargansuudhaa Somba keenya. Sombi bakka qilleensi lamaan, Oksijiinii fi kaarbondaayoksaayidiin itti wal jijjiiru.

Ilma namaa somba lama qaba. Lameen isaaniituu cinaacha bitaa fi mirgaa jalatti argamu. Sombi keenya lama ta’us guddinni isaanii garuu wal qixaa miti. Qaama keenya kan gara bitaa jiru keessa Onneen waan jirtuuf, Bakka onneef mijeesuudhaaf jecha Rabbiin keenya somba gara bitaa jiru xiqqaa godhee nuuf uume.

Somba keenyaan gaditti, Irree Dayaafraam jedhamee waamamutu jira. Dayaaframiin Sirna Irree keessatti ramadama. Sirna hargansuu keessatti ramadamuus baatu, akka nuti hargannu gochuu keessatti qooda mataa isaa qaba. Qaamni kun jidduu Sombaa fi garaachaatti argama. Qaamni diriiraan kun yeroo nuti qilleensa fudhatuu barbaannu, gad siiqee garaachatti maxxana. Yeroo kaarbondaayoksaayidii gara alaa baasuuf taanu ammoo, ol deebi’ee Somba keenya dhiibee qilleensi gara alaa akka bahu taasisa. Haala kanaan rakkoo takkaan maletti qilleensa baasuufi fudhachuu dandeenya jechuudha. Dalagaan Dayaaframiitis dalagaawwan too’annaa keenyaan ala jiran keessatti ramadama.

Ilmi namaa fedha Rabbiitiin Funyaan isaa ykn ammoo afaan isaa fayyadamee qilleensa gara keessatti fudhata. Kana booda qilleensi gara ujummoo soorata akka hin deemne, qaamni Eeppiglootis (Epiglottis) jedhamu ni cufama. Kanaafuu qilleensi ujummoo qilleensaa keessa deema. Itti aansuudhaan ujummoolee xixiqqoo lama kan Broonkaay jedhamaniin qilleensi gara Somba lamaanii geeffama. Somba keenya keessatti ammoo qaamni Biroonkaay jedhamu kun bakka heddutti adda qoodama. Fiixee isaarraallee qaamman xixiqqoo Alviyoolii jedhaman qaba. Somba keenya keessa Alviyooliiwwan miiliyoona 600 ta’antu jira. Dalagaan isaaniitis qilleensa gara qaama keenyaa seene gara hidda dhiigaa makaanii gara qaama biraa dabarsuufii, kaarbondaayoksaayidii dhiiga keessaa baasaa karaa qilleensi duraan dhufeen akka gara alaa deebi’u gochuudha.

Sirna Ajaa’ibaa Rabbiin keenya haala kanaan bareechee wal simsiisee nuuf uume kanaan fayyadamnee jiraachutti jirra. Alhamdulillaah Rabbil Aalamiin. Sirna ajaa’ibaa akkanaa kanniin akka tasaa argaman jedhanii dubbatuun doofummaa daangaa hin qabne. Bilbila xiqqaa harkatti qabannee deemnuun abalutu hojjate jechaa haasawaa, qaama sirna ajaa’ibaa qabu kana ammoo akka tasaa argame jechuun wallalummaa guddaadha. Rabbi nama guddina isaa beekee, isatti amanee milkaahu nu haa taasisu.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Back to top button