Dachiin Maadagaaskaar dachiiwwan uumama heddu qaban keessaa takka yoo taatu, bineensota dachii san qofa irratti argamanis heddu qabdi. Isaan sanniin keessaa tokko sanyiiwwan Liimar (Lemur) jedhamuun beekamaniidha. Barruu tana keessatti sanyiiwwan kanniin keessaa isa Indri jedhamuun beekkamu tokko ilaalla. Ummanni Maadagaskaar uumama kana Baabaakootoo jedhee yaama. Hiikkaan isaatis Aabbaa xiqqaa jechuudha.
Indriin sanyiiwwan Liimar keessaa isa irra guddaadha. Dheerinni isaatis haga meetira tokkoo ni gaha. Haa ta’u malee Avreejiidhaan uumamni kun hanga seentimeetira 80 dheerata. Eegeen isaa ammoo seentimeetira 5 qofa dheerata. Sanyiiwwan Liimar keessaallee eegee gabaabaa kan qabu isa. Ulfaatinni isaa ammoo hanga Kiiloo 10ti. Gurri isaa geengoo yoo ta’u, ijji isaa ammoo bifa boora qaba. Ijji isaa tunis akka bineensota hedduu dagaleerraan osoo hin taane, akka ilma namaa gara fuulduraatti argamti. Rifeensi gogaa isaa irratti argamu akkaan tuuchaadha. Halluun isaatis hedduminaan gara gurraachaa dhihaata. Dabalataanis rifeensa adii barruu gogaa isaarraa qaba. Qubbeen isaa jabaa yoo ta’an, muka qabachuudhaaf akkaan isa tajaajilu. miilli isaa kan duubaa ammoo dheeraadha. Isa kanatti fayyadamee, muka tokkorraa gara muka biraa rakkoo takkaan maletti utaala. Yeroo takkaan haga meetira 10 utaaluu danda’a.
Baabaakootoon bosona mukkeen heddu qabu keessa jiraata. Akkasumas hedduminaan muka gubbaa gala. Soorata isaatis mukuma irraa soorata. Yeroo dadhabee rafuu barbaades mukuma irra rafa. Walqunnamtii wal hormaataas mukuma irratti raawwata. Walumaa galatti afaan ingiliffaatiin arboreal animal jedhama. Uumama muka irra galu jechuudha. Haa ta’u malee Uumamni muka irra galu hedduun rakkoo keessa jira. Ilmi namaa bakka heddutti muka ciree fixuudhaan lafa bosona ture gara lafa qonnaatti jijjiiraa jira. Kun ammoo uumama akka indiriitiif rakkoo guddaadha. arraan tana sanyiin uumama kanaa hanga 10,000 qofatu dachii tanarra jira. Ciramiinsi bosonaa haala kanaan yoo itti itti fufe ammoo, yeroo muraasa keessatti dachii irraa dhabamuu akka danda’u tilmaamama.
Indriin garee uumee gamtaan qubusma tolfatee jiraata. Gareen tokko miseensota hanga 6 qabaata. Gareen kunis jaarsaa fi jaartii akkasumas ilmoolee of keessaa qaba. Hoogganaan maatii kanaa dhaltuu yoo taatu, haga isiin quuftee soorata dhaabdutti kormaan dhaabbatee qubsuma san diina jalaa eeguun dirqama isaati. Yoo diinni dhufe ofirraa ari’uuf ykn ammoo miseensonni qubsuma sanii akka dhokatan dhaamsa dabarsuuf sagalee garagaraa baasa. Sagaleen isaatis fageenya kiilomeetira lamaa irraa ni dhagahama. Dabalataanis qubsuma isaanii fincaan isaaniitiin mallattoo itti godhuun, gareen biraa akka gara qubsuma isaanii hin dhufne godhu. Hafuurri fincaan isaanii garaagarummaa waan qabuuf, gareen biraa gara qubsuma sanii hin seenu.
Indriin tokko dhalatee yoo waggaa 9 guutu walqunnamtii wal hormaataatiif qophii ta’a. rimeeyni bineensa kanaa ji’a shaniif kan turu yoo tahu, haadhoon takka waggaa lama keessatti ilmoo 1 qofa dhalti. Ilmoon haarawa dhalatte tunis ji’oota muraasaaf garaa haadhaa irratti rarraatee jiraatti. Haadha irraa heddus fagaattee deemuu hin dandeessu. Haga ji’a 8 guuttutti haaluma san keessatti dabarsiti. Gaafa ji’a 8 guutte matama isiitiin soorata barbaaddachuu jalqabdi. Haa ta’u malee haga waggaa 3 guututti haadha biraa hin fagaattu. San booda yoo barbaadde maatima san keessa turti, ykn ammoo gara biraa deemtee qubsuma biraa tolfatti.
Indriin uumama baala sooratu keessatti ramadama. Hedduminaan sooratni isaa baala kichuu fi firiiwwan biqiltootaati. Akkuma amma dubbanne dhaltuun hooggantuu garee waan taateef, isiitu muka hunda irra jalqaba baha. Eega isiin takka muratteen booda miseensonni birootis itti cehan. Kormaan garuu haga isiin quuftutti qubsuma san eeguun dirqama itti taha.
Indriin yeroo hunda muka gubbaa waan jiraatuuf, diina lafarra jiru irraa rakkoon heddus isa hin mudatu. Haa ta’u malee bineensonni muka koruu danda’an kanneen akka Fossaa fi Bofni gurguddaan uumama kana adamsanii sooratu. Akkasumas qilleensa gubbaa ammoo Risaa fi allaattiiiwwan gurguddoon adamsama. Kana hunda caala wanti isa miidhaa jiru ciramiinsa bosonaati. Jireenyi isaa hundi muka irratti waan hundaayuuf, bosona dhabuun heddu isa miidhutti jira. Kanaafis ammaan tana, umama baduuf deemu keessatti galmaayeera. Hayyama Rabbii guddaatiin bineensi kun waggaa 15-22 jiraachuu danda’a.
Qabxiilee ijoo uumama kanaa gabaabinaan
Maqaa ittiin beekamu: Indirii
Soorata: Muduraalee, Ilillii fi Baala
Baay’ina : hanga 10,000
Sadarkaa irra jiru: Bineensota badutti dhihaatan
Maqaa biroo: Baabaakootoo
Turtii Rimayaa: Ji’a 4-5
Qubsuma: Mukkeen Bosona jiidhaa keessa jiran irra
Diina: Ciramiinsa Bosonaa, Fossaa, Risaa, Bofa gurguddaa.
Naannoo itti argamu: Maadagaaskar
Garee: Hoosiftoota
Halluu gogaa: Magaala, Daalacha, Gurraacha, Adii
Saffisa: KM 32/S (Kiloomeetira 32, Sa’aa 1 keessatti)
Umrii: 15-22
Ulfaatina: kg6 ““ kg9.5 (kg: Kiiloo Giraama)
Dheerina: sm64 ““ sm72 (sm: Seetii Meetira)
Qophii: Abuu Ibtisaam