header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Telefoona birrii 400,000tti gurguramaa ture

Addunyaa har’raa keessatti wanti hundi smartphone ykn telephone harkaatiin dalagamutti jira. Smart phone Teknoolojii namni hundi of harkaa qabuu fi itti fayyadamaa jiruudha. Teeknolojii waan heddu dalaguu danda’uudha. Dhaamsa ittiin wal jijjiiruuf, TV fi raadiyoo hordofuuf, baasii fi galii guyyaa ykn ji’aa ittiin hordofuuf, walumaa galatti telefonni harkaa jiruu fi jireenya ilma namaa keessatti qooda guddaa qaba. Barruu tana keessatti waa’ee telefoona harkaa waan ajaa’ibaa isinii dhiheessina.

 

Moobaayilli hojjatamee tajaajilarra ooluun duratti telefoona makiinaatu ture. Telefoonni makiinaa kun kilograama 36 kan ulfaatu yoo ta’u, dhaabbileen adda addaa telefoona kana bitanii makiinaa keessa kaayanii oliifi gadiin deemaa hawaasa ittiin tajaajilu. Namni telefoona bilbiluu fedhu bakka makiinaan kun jiru barbaadee itti fayyadama. Teknoolojiin kun bara 1947 kan jalqabe yoo ta’u, yeroo tokkoon namni telefoona kanaan haasayuu danda’u nama 4 qofa. Namni biraa yeroo kanatti fayyadamuu yoo barbaade, Afran keessaa haga lamaan dhimma fixatanii cufanitti eeguun dirqama itti ta’a. Wayta namoonni kunniin bilbila xumuranii bahan kan biraa sarara keessa seenaa bilbilata. Haala kanaan bilbilli mobile ykn telefoona sosocho’aa jedhamu jalqabame.

Telefoonni harkaa bara 1973 nama Maartiin Kuuppar jedhamuun hojjatame. Telefoona kana dhaabbata Motorollaatu oomishee, DynaTAC 8000X jedhee moggaasuun addunyaan wal barsiise. Teknolojiin kun ummatatti bahuun duratti doolaara miiliyana 100 fi waggaa 10 fixe. Akka telefoona Makiinaa san nama muraasa osoo hin taane nama heddu keessummeessuu danda’a. kanaaf ammoo Anteenaan heddu iddoo garagaraatti waan daabameef mallaqa guddaa gaafate. Telefoonni jalqabaa kun chaarj godhamee guutuudhaaf saa’aa 10 barbaada. Ta’ulle daqiiqaa 35 keessatti keessatti chaarjii sa’aa 10 guutuu fudhataa ture fixa. Yeroo sanitti doolaara 4000tti kan gurguramaa ture yoo ta’u, sharafa ammaatiin dolaara 10,000tti dhihaata. Mallaqa biyya keenyaatti yoo deebisnu gara birrii 400,000 taha jechuudha.

 

Bara 1993tti telefoonni (Smartphone) jalqabaa dhaabbata IBM jedhamuun oomishame. Telefoonni touch screen ta’e kun maqaa Simon jedhamuun waamama. Telefoonni kunis telefoona jalqabaa kan Applicationiin irratti fe’amuu danda’eedha. Gatiin isaatis mallaqa ammaatiin doolaa 1,800 ta’a. birrii biyya keenyaatiin gara kuma 72ti dhihaata. Telefoonni kun telefoona jalqabaa kan dhaamsi karaa SMS ittiin ergamuu jalqabeedha. Warraaqsi Telefoonaa bifa saffisa qabuun itti fufee, Nokia, Black Beerii fi dhaabbileen birootis wal duraa duubaan oomisha telefoonaatti seenan.

Telefoona addunyaan teenya argite keessaa hedduminaan gurguramuun haga arraatti sadarkaa duraa qabatee kan jiru Nokia 1100 telefoona jedhamuudha. Telefoonni bara 2003tti oomishame kun harka nama hedduu seenuun haga ammaatti kan isatti qixxaayu hin arganne. Telefoonni kun yeroo miiliyana 260 gurguramuun haga arraatti tokkoffattatti argama. Nokia 1100 kan biyya keenyatti afaan amaaraatiin Asra and zeeroo zeeroo jedhanii yaaman kanaatu hedduminaan gurguramuun beekama jechuudha.
Ilmi namaa mobaayila isaa Avreejiidhaan guyyatti yeroo 150 kiisii ykn borsaa keessaa baasee harkaan tuqee laalee deebisa. namoonni Nomofoobiyaa jedhaman ykn warri araada telefoonaatiin qabame guyyatti yeroo kumaa ol telefoona isaanii tuttuqu. Namni gariin ammo yeroo hajaa bilbilaatiif barbaadu qofa kiisii fuudha. Walumaa galatti avreejjiidhaan namni tokko daqiiqaa 6, jahaan telefoona isaa kiisii ykn borsaa keessaa fuudhee ni laala.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Back to top button