header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Yoo lubbuun turuu feete soorata kana harkaan hin tuqin!

Sooratni ni’maa Rabbiin ilma namaa badhaase keessaa isa tokko. Mootiin Aalamaa Soorata bifa garagaraatiin uumee dachii keessa nuu facaasee jira. Gaarii fi hamaa wantoota dachii irra jiraniitis nuuf himeera. biqiltoonni gariin osoo bifa bareedaa qaban summii hamaas of keessaa qabu. Gariin ammoo kan bifti isaanii hin bareennetu dhandhama mi’aawaa qaba.  Barruu tana keessatti soorata ajaa’ibaa addunyaa tana keessatti beekaman muraasa isinii dhiheessina.

Tuna Eyeballs: Soorata ija qurxummii

Tuna Eyeballs: Soorata ija qurxummii

Warri jaappaan qurxummii sooratuu haalaan jaalata. Sanyii qurxummii Tuunaa keessaa wanti gatan hin jiru. Ija isaatis keessaa baasanii affeelanii sooratu. Ijji Tuunaa kun qurxummii keessaa baafamee gatii salphaan gurgurama. Namoonni soorata kana jaalatanis hawaaja garagaraatiin tolchanii sooratan. Dhandhamni soorata kanaa foon sanyii qurxummii Squid jedhamuun wal fakkaata. Wayta hoteela dhaqanii soorata kana ajajatanis, Ija qurxummii tan nama laaltu affeelanii burcuqqoo keeessa kaayanii namaa qopheessan.

 

 

Fugu

Fugu

Sooranni kunis Jaappaan keessatti beekkama. Soorata kana nyaachuun duratti garuu namuu of qopheessu qaba. Tarii du’uuf ykn ammoo umrii guutuu laamshayee jiraachuuf. Sooranni Fugu jedhamu kun sanyii qurxummii kan pufferfish jedhamurra tolfama. Qurxummii kun summii nama 30 ajjeesuu danda’u of keessaa qaba. Hubadhaa! qurxummii tokkotu summii nama 30 ajjeessu qaama keessaa qaba. Sooranni kun jaappaan keessatti qaaliidha. Namni soorata kana qopheessus kophatti leenjifama. Leenjiin isaa kun waggaa tokko guutuu turuu danda’a. Namni kun summii hunda qama qurxummii keessaa haxaayee baasuu qaba. Dogongorri xiqqoon namni soorata kana bilcheessu dalagu, nama sooratu san kasaaraa guddaaf saaxiluu danda’a. lammiileen Jaappaan balaa sooranni kun fiduu danda’u osoma beekan sooratu. Bara 2000 as qofa namoonni 23 ol soorata kana sooratanii du’aniiru. kanaafuu yoo lubbuun jiraachuu feetan, soorata kana itti hin dhihaatinaa.

 

 

Balut

Balut

Sooratni kun ammoo Filippiin keessatti beekkamaadha. Hanqaaquu irraa tolfama. Addunyaa irratti hanqaaquun ykn Killeen biyya hundatti bifa garagaraatiin tolfamee nyaatama. Filippiin keessatti garuu xiqqoo adda godhanii sooratu. Hanqaaquun eega hammatamee oowwaan gara ilmootti jijjiirameen booda haadha jalaa baafama. Osoma wanti cuucii fakkaatu kan lubbuu qabu keessa jiru Killeen sun bishaaniin affeelama. Kana booda hawaaja adda addaa itti godhanii sooratan.

 

 

Escamol

Escamol

Amma ammoo gara Meeksiikoo imalla. Ummanni kunis akkuma warra Filippiin hanqaaquu gara laarvaatti jijjiirame sooratuudhaan beekamu. Mixiin hanqaaquu baala gubbaa fi bakka isii mijaahetti buustee biraa deemti. Warri meeksiikoo ammoo hanqaaquu kana eeganii gara laarvaatti eega jijjiirameen booda fuudhanii bishaaniin affeelan. Kana booda dhadhaa fi hawaaja garagaraatiin tolchanii sooratu. Hanqaaquun mixii haalaan xixiqqaadha. Garuu heddumina waan qabuuf soorataaf numa taha.

Qophii: Abuu Ibtisaam

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button