header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Gaafni Bineensa kanaa Dheerina nama hedduu ni caala.

Ardii Afriikaa keessaa uumama gosa hedduu fi lakkoofsaanis heddu qabaachuun naannoon beekkamu, Afriikaa gama bahaa fi Kibbaati. Kanaafuu barruu tanaan bosonaa fi paarkiilee Afriikaa bahaa fi Kibbatti argaman keessa deemaa sanyii kuruphee tokko daaw’anna. Maqaan isaa Kuuduu jedhama. Kuduun sanyiiwwan lama qofa qaba. Isaanis Kuduu xiqqaa fi Kuduu guddaadha. Lameen isaaniituu naannoo bosona tuucha’aa fi marga heddu qabu keessa jiraatu. Jiraattonni afriikaa uumama kana sababa garagaraatiif adamsu. Bineensota bal’inaan adamsaman keessaallee isa tokko. Haa ta’u malee lakkoofsi isaa heddus xiqqaachaa hin jiru. Bineensota lakkoofsa heddu qaban keessatti ramadama.

Qamni Kuduu Meetira 1.2 irraa hanga meetira tokkoof cinaa dheerata. warri dhiiraa ammoo warra dhaltuu guddinaa fi dheerinnaanis ni caalu. Ulfaatinni qaamaa kan dhiiraa inni xiqqaan KG 224 yoo tahu, guddaan ammoo haga KG 357 ulfaata. Gama biraatiin dhaltuun xiqqoon haga kg 180, guddoon ammoo haga kg 235 ulfaatti. Kuduun gaafa akkaan dheeraa fi mammaramaa qaba. Gaafni kun Meetira 1.8 dheerata.  Dheerinni gaafa isaa qofti dheerina nama hedduutiin wal qixa jechuudha.

Rifeensi gogaa kuduu irra jiru bifa magaalaa fii daalacha kan qabu yoo tahu, garaa isaa irraa sarara adii qaba. Akkasumas ceekuu isaa gama gubbaa irraa kaasee lafee duydaa irra rifeensa qal’atee haga eegee isaa diriiru qaba. Halluun qaama isaa irra jiru haala adda addaa irratti hundaahee jijjiirama. Fakkeenyaaf diinni isa adamsu yoo itti dhufe, ykn ammoo fageenya irraa yoo arge dafe muka jalatti dhokachuudhaan akkuma mokaa gogee dhaabata.  Bifti rifeensa goggaa isaatis waan muka fakkaatuuf,  Haala kanaan diinni isaa kun osoo isa hin argin bira dabra jechuudha.

Kuduun bosona keessaa diina heddu qaba. Hunduu foon isaatti waan haajamuuf adamsee soorata. Ilmi namaatis foonuma isaatiif jecha isa adamsa. Leenci, Qeerransii fi sardiidni warra gurguddaa adamsee kan sooratan yoo ta’u, cheetah (Abboshammaanee), jawwee, culullee fi goofadanni ammoo ilmoolee adamsanii sooratu. Ilmi namaa lameen isaaniituu adamsee soorata. Dabalataan ammoo gaafa isaaniitti waan haajamuuf, hedduminaan warra gurguddaa ajjeesa. Biyyoota afrikaa heddu keessatti Gaafni Kuduu akka meeshaa muuziqaatti tajaajila. uumama foonii fi gaafa isaaniitiif jecha isaan ajjeesuun cinatti Kuduun dadhabina tokko qaba. Innis dhukkuba. Uumamni kun dhukkuba heddus dandamachuu hin danda’u. keessattuu dhukkubni sun dhukkuba vaayirasii taanaan yeroo gabaabaa keessatti kuduu heddu fixuu danda’a.

Kuduun warra baala sooratu keessatti ramadama. Hedduminaanis marga kan dheedu yoo ta’u, baalaa fi firiiwwan mukaatis ni soorata. Bishaaniif garuu heddus hin cinqamu. Yeroo dheeraaf bishaan malee jiraachuu ni danda’a. bishaan isa barbaachisu, marguma sooratu keessaa argata. Kuduun sanyiiwwan kuruphee keessaa warra sagalee guddaa qaban keessaa isa tokko. Waliigalteedhaafis sagalee kanatti dhimma baha.

Kormaan Kuduu hedduminaan kopha kophaa jiraata. Haa ta’u malee godaansaaf bakka tokkorraa gara biraa deemuu yoo barbaadan, garee uumani deemu. Yeroo garee uuman kana hoogganaa filachuun barbaachisaadha. Hoogganaa ta’uudhaaf ammoo humna jabaa qabaachuun dirqama. Kanneen humni isaanii walqixa ta’e ammoo wal aansoo wal qabuun waan hin oolamne. Yeroo heddus wal aansoon kun gaafa wal cabsuudhaan raawwatama. Abbaan moohates hoogganaa garee sanii ta’uudhaan godaansaaf bobba’u. kan moohatames garema san keessaa osoo hin bahin waliin deema. Dhaltuuwwan garuu yeroo hunda garee miseensa haga 10 qabu uumanii waliin jiraatan

Warri dhiiraa wayta wal qunnamtii wal hormaataa gara garee dhaltuu bira dhaquudhaan walqunnamtii raawwatu. Rimayni dhaltuu takkaa ji’a saddeetiif tura. Dhaltuun Kuduu wayta dhaluudhaaf kalooftu, garee san gad dhiistee deemuudhaan jireenya kophaa jiraatti. Eega dhalteen boodas ji’oota lamaaf kophama ofii ilmoo kunuunsiti. Yeroo takkaan ilmoo takka qofa dhalti. Ilmoon dhalatte ji’a takkaaf olii gad deemuu hin dandeettu. Yeroo heddu Muchuma haadhaa hodhaa deebitee ciifti. Ji’a tokkoon booda sosocho’uu jalqabdi. Haa ta’u malee deemsa dheeraa deemuu hin dandeettu. Akkasumatti yeroo muraasaaf haadhuma waliin deddeemaa deemsa baratti. Gaafa dadhabbii malee haadha waliin olii gad deemuu jalqabdutti, wal qabatanii gara garee duraanii san dhaqu. Haga ji’a jaha guututtis kunuunsuma haadhaa keessa turti. Ji’a jahaan booda garuu, akka gaaritti of kunuunsuu ni dandeetti. Hayyama Rabbii guddaatiin kuduun tokko haga waggaa saddeetii jiraachuu danda’a.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button