header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Qaamni Daa’ima kanaa dhagatti jijjiiramaa jira.

Fayyaan harka Rabbii jirti. Ka fedhe fayyaa guutuun uumee, ka fedhe dhibee hin fayyine wajji uuma. Gariin finniisa fuulatti baheef gaddee Rabbiin komata. Gariin ammoo dhukkuba irraa fayyuun hin danda’amne wajji zalaalam jiraata. Nuti hundi dhukkubarraa waan himannu ni qabna. Garuu rakkoo namoonni gariin wajji rakkachutti jiran yoo arginu, teenya waan xiqqoo tahuu isii hubanna. Barruu tana keessatti dhukkuba akkaan isin rifachiisu tokko isinii dhiheessina.

Daa’imni Raameesh daaJii jedhamu rakkina ilmi namaa mudatee hin beeyne mudate. Daa’imni kun gaafa dhalatu nagayumaan dhalate. Garuu gaafa guyyaa 15 guutu wanti addaa mudachuu jalqabe. Gogaan ykn coraan isaa irraa quunca’aa haarofni biqiluu eegale. Haati daa’imaa rifattee fuutee haakima geessite. Doctoroonnis mudannoo amma dura takkaa arganii hin beeyne Kanaan hedduu rifatan. Dawaa kenuuf dhukkuba beekuun dirqama. Doktoroonni dhukkubichuu maal akka tahe wallaalanii dhama’an. Maatiin daa’imaa ammas furmaata wayyaa barbaaduuf fuudhanii haakima biroo geessan.

 

Hospitaala jajjabaa biyya isaaniitti argamu hunda geessanis humaa furmaanni ni dhabame. Boodarra daa’imni kun dhibee addaa kan gogaa saffisa guddaan akka jijjiiramu godhuun qabamuu isaa mirkaneessan. Gogaan kuun osoo irraa hin harca’in kan biraa jalaan biqila. Kun ammoo dhakaa walirratti tuulame ykn ammoo qaama qurxummii akka fakkaatu godhe. Rakkini kun dawaa hin qabu. ogeeyyoonni fayyaa ogummaa qaban hunda fayyadamanii daa’ima kana wal’aanuu dadhabnaan, gogaan qama isaa akka goggogee dhukkubbiin itti hin dhagayamne godhuu dandayan. Tahullee kunis baasii guddaa gaafata. Daa’imni kun gaafa waggaa 5 guutu of danda’ee deemuu dadhabe. joolleen biroo ammoo fagoo isa dheessuu jalqaban. Manaa hin bahu, namaan wal hin argu. Gaafa tokko gaazexaan biyyatti seenaa isaa kana eega maxxansee booda, addunyaa guutuu irraa mallaqani walitti guurameefii wal’aansa gaarii argataa jira.

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button