Kirkirri Lafaa gaaga’ama guddaa fidu kun akkamitti uumama?

Tafakkur/Kirkira Lafaa

Wantoota dachii irratti balaa guddaa uuman keessaa tokko kirkira lafaati. Hordoftoota NuuralHudaa keessaa maamilli keenya tokko, Kirkira lafaa jechuun maal jechuudha? Jedhee comment irratti katabee gaafate. Namni birootis jalarraan, sochii lafaa tahuu hin oolu jedhee deebisaa kenneef. Jechi kirkira lafaa jedhu namoota gariif haaraya tahuu dandaha. Kanaafuu jalqabarratti kirkira lafaa jechuun maal jechuu akka tahe gabaabsinee laalla. Sochii lafaatiifi Kirkira lafaa jechuun garaagarummaa guddaa qaba. Waahee Sochii Lafaa Ykn Deemsa Dachii amma dura isinii dhiheessinee jira. Barruu tana keessatti waahee kirkira lafaa qofarraa haasoyna. Kirkira lafaa jechuun hollannaa lafaa jechuudha. Lafti tun akkamitti hollatti? kirkirri lafaa kun akkamitti uumama? Deebisaa gaafii kanaa in shaa ALLAH booda itti deebina. 

Kirkirri lafaa kun naannoo murtaaye qofatti mudata. Malee dachiin guutuun hin hollattu. Akkuma naannoo tokkoo roobee naannoo tokkoo caamutti, kirkirri lafaatis bakkuma murtaaye qofatti mudata. Osoo dachiin tun qaamni isii guutuun hollatee, biyya hundaa kirkirri lafaa kun waluma qixa uumama. Kirkirri lafaa kun biyya teenya keessatti hedduus hin beekamu. Rabbiin balaa akkanaa nurraa tiyse. Alhamdulillaah. Kirkirri lafaa kun yoo naannoo tokkotti mudatu, jaarmayaalee naannoo san jiran hedduu caccabsee daaraa godha. Hawaasni biyya keenyaa mana jireeyaa tokko ijaarachuufuu bu’aa bahii heddu eega dabree booda ijaarata. Kanaaf Rabbiin balaa akkanaa kan qabeenya heddu barbadeessu nurraa qabe. Tunis yoo tafakkuranii laalan mu’jizaa guddaa of keessaa qabdi. Balaan kirkira lafaa kun biyyoota heddu keessatti gaaga’ama guddaa fidutti jira.

Dachima irraa qotannee nyaannu, ta irratti mana ijaarannee keessa gallu, ta miila keenyaan irra deddeemnee bakka haajaa dhaqnu tanatu, guyyaa tokko sochootee nama hunda rifachiisti. Rifannoonni fi sodaan yeroo lafti sochootu nama mudatu kun salphaa miti. Lafuma irra jiraannu tana irrattuu rifaatuun namaa daangaa hin qabu. Rabbiin (SW) mudannoo kana akkanumaan hin argamsiisne. Akka nuti irraa barannee aakhiraa teenya tolfannuuf nutti mul’ise. Sababni isaa, wantoota guyyaa qiyaamaa nama cinqan keessaa inni tokko kirkira lafaa waan ta’eefi. Rabbiin (SW) qur’aana isaa keessatti suuratul zalzalaa suuraa 99ffaa aayaa 1-3 irratti,

إِذَا زُلۡزِلَتِ ٱلۡأَرۡضُ زِلۡزَالَهَا ١  وَأَخۡرَجَتِ ٱلۡأَرۡضُ أَثۡقَالَهَا ٢  وَقَالَ ٱلۡإِنسَٰنُ مَا لَهَا ٣

 

Yeroo dachiin Hollannaa isii hollatte. Akkasumas yeroo dachiin ba’aa isii baafte. Namnis “sila isiin maal taate?” jedhe.

Ilmi namaa dachii tanarra jiru hundi waahee kirkira lafaa numa beeka. Namoonni naannoo kirkirri lafaa hin jirre jiraatanis, waan kana gurraanis taatu numa dhagahan. Ilmi namaatis Osoma kana beeku guyyaa qiyaamaa, sila dachiin maal taate? Jedhee gaafata. Kunis guddinaa fi ulfaatina yeroo sanii irraa kan ka’e akka ta’e nu hundaafuu ifa. Rabbiin wantoota dachii tanarratti arginu hunda sababaa waliin uume. Kirkirri lafaa gama tokkoon dallansuufi lola Rabbii guddaa tahuu dandaha. Gama birootiin ammoo ilma namaatiif barumsa guddaadha. Mee amma akkaataa kirkirri lafaa kun itti uumamu gadi fageenyaan haa ilaalluu.

 

Akka warri Rabbitti kafare jedhu san, nuti Muslimoonni Kirkirri lafaatiifi Mudannoowwan dachii tanarratti mudatan hundi akka tasaa uumaman jennee hin amannu. Wanta hunda kan argamsiisu Rabbii guddaadha. Wantootni sunniin akka mudataniif ammoo sababaan garagaraa jiraatuun isaa dirqama. Haaluma kanaan Rabbiin keenyas kirkira lafaa kanaafis sababaa godhee jira.

Akkuma amma dura waa’ee dachii irraa haasofne, plaaneetiin teenya tan irra jiraannu tun bakka gurguddaa sadihitti qoodamti. Innis irra lafaa, keessa lafaa fi wiirtuu lafaati. Irra ykn gubbaa lafaa fi keessa ykn jidduu lafaa daangaan adda fooyu ni jira. Mee Waan adda fooyu kana akka waraqaa wal gubbatti tuulameetti haa fakkeessinuu.  Wantoonni kunniin afaan ingiliffaatiin Plate Tectonics jedhamu. Hunduu walbira dabraa dachii keessa sochii godhu. Tokko kallattii tokkoon yoo deeme, inni biraa ammoo gubbaa isaatiin ykn ammoo isa jalaan dabra. Hunduu akkanumatti dachii keessatti Sochii godhu. Yeroo wal bira dabran kana, al tokko tokko walitti rigamuu fi wal dhiibutu dhufa. Yeroo kanatti dhiibbaan ni uumama. Sochii dhaabuu waan hin dandeenyeef, yeroo qajeela walitti dhufan akkuma nama gamaa gamana dhaabbatee wal dhiibutti isaanillee wal dhiibu. Of duuba deebi’uu wanti jedhamu hin jiru. Haga dhiibbaan (pressure) kun humna ol isaanitti ta’utti waluma dhiibu. Isaan lamaan walirraa deebi’uu waan hin dandeenyeef, carraan qaban dhiibbaa isaanii gara gubbaa lafaa deebisan. Dachiin gama gubbaa jirus dhiibbaa isarra gaherraa kan ka’ee jalaa socho’a. Yeroo kana dambaliin (Wave) ukkaamamee ture, karaa argadhe jedhee gara dachii jalaa sochootee san darbama. Bakka mudannoon kun mudate sanitti, dachiin teenya Akkuma afuuffaa afuufamee akka qilleensi keessaa bahuuf gad dhiifametti, dhiibbaa isii keessa jiru hargufaa of keessaa baasti. Kunis kirkirri lafaa guddaan akka uumamuuf sababaa ta’a.  

Kirkirri lafaa mudatu kun balaa guddaa fiduu danda’a. keessattuu bakka ijaarsi hedduun jirutti lubbuu namoota heddus galaafatuu danda’a. walumaa galatti kirkirri lafaa balaawwan uumamaan dachii tanarratti mudatan keessaa isa tokko.

Qophii: Abuu Ibtisaam

 

0 0 votes
Article Rating
Subscribe
Notify of
0 Comments
Inline Feedbacks
View all comments
0
Barruu tanarratti yaada akkam qabda? Yaada kee nuuf gumaachi!x
()
x