Haaji Nuuruu Aadam gara ganda aakhiraa godaanan
INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEEYHI RAAJI’UUN
Qorataa Qoricha Aadaa fi Ammayyaa akkasuma, Perezdaantii Dhaabbata Naga Eegumsa Biyyaalessaa Duraanii kan turan Haaji Nuuruu Aadam gara Ganda irraa hafa hin qabnee Godaanan. Haaji Nuuruu Aadam Ogummaa isaanitiin Qorannoo Adda addaa Dawaa Aadaa irratti taasisuun, kan Ammayyaatiin wal bira madaaluudhaan Dawaa Aadaa Sadarkaa ol Aanaa irraan gahanii turan.
Tokkummaa Muslimoota biyya teenyaa irratti ijjannoo cimaa kan qaban Haaji Nuuruu Aadam, Warra Islaamaa gareedhaan qooduu barbaadus hudhanii wal qabuun ejjannoo isaanii ifatti Labsataa turan. Waggoota Sadeen darbaniifis manguddoota biroo ofitti makuun rakkoo hawaasa Muslimaa furuuf halkanii fi guyyaa dhama’aa kan turan tahuu odeeffannoon arganne ni ibsa.
Sirni Awwaalcha Haaji Nuuruu Aadam Guyyaa har’aa August 21 / 2022 Bakka Hooggantoonni Mana Maree dhimmoota islaamummaa Itiyoophiyaa argamanitti raawwatamee jira. Rabbiin jannataan isaan haa qananiisu. Maatiifi firoottan isaaniitiifis Rabbiin sabrii haa kennu jenna.