Duuti Qurxummii kanaa ajaa’iba addaa qaba
Waa’ee qurxummii Blue whale amma dura isinii dhiheessinee turre. Qurxummiin kun haalaan guddaadha. Uumamaalee dachii tanarra jiran keessaa guddinaafi ulfaatinaan kan isaan qixxaayu hin jiru. duuba qurxummiin kun wayta bishaan keessatti du’u akkam taha? Bineensa kamtu refka isaa sooratee fixa? Barruu tana keessatti dhimma kanarratti qabxiilee ajaa’ibsiisoo muraasa isinii dhiheessina.
Qurxummiin blue whale (biluu weel) jedhamu Kilograama 50,000 hanga 150,000 ulfaata. Kana jechuun midhaan kuntaala 1,500 niin wal qixa jechu. Qurxummiin hangana ulfaatu kun wayta du’e refki isaa bishaan gubbatti hin rarra’u. yoo xiqqaate hanga meetira 1000 gadi fagaatee bishaan jala lixa. Bakki reefki isaa itti kufu haalaan dukkanaawaafi diilallaawaadha. Naannoo san lubbu qabeeyyii xixiqqoo muraasa qofatu jiraata. Qurxummiileefi uumamaaleen galaana keessa jiraatan hedduun isaanii naannoo sanitti hin dhihaatan.
Bara 1987tti Gareen saayintistootaa tokko maashina bishaan jala lixee deemuun osoo imalan raqa bineensa guddaa kana argan. Naannoon sun haalaan dukkanaawaa waan ta’eef uumamni hundi irraa baqata. Qorattoonni kunniin imala deemaniif dhiisanii bineensa kana qorachutti seenan. Qurxummii haag fiish jedhamuufi, bineensota biroo kan achi dura ilmi namaa argee hin beeyne qurxummii du’e kana biratti argan. Achi booda itti deddeebi’anii yeroo dheeraaf qorannoo itti fufan. Hagfish seentimeetira 50 dheerata. Blue whale ammoo meetira 25 dheerata. Kanaafuu qurxummiileen xixiqqoon kunniin qurxummii guddaa hangana gahu kana sooratanii fixuuf yeroo dheeraa isaan barbaachisa. Akka qorattoonni kun himanitti, qurxummiileen xixiqqoon kunniin guyyaa guyyaan foon kilograama 46-60 sooratan. Haala Kanaan guyyaa hunda yoo sooratan waggoota heddu booda foon isaa fixanii biraa deeman.
Eega qurxummiileen kunniin biraa deemanii booda uumamaalee xixiqqoo akka qaajjibbuu, cilalluu bishaanii fii ilbiisonni xixiqqoon itti yaa’anii waan Hagfish irraa hafe qulqulleessan. Kunis waggoota heddu fudhata. Qorattoonni kunniin ajaa’iba kana haalaan itti dhihaatanii yoo qoratan, cilalluu achi dura dachii tanarratti mul’atee hin beeyne kan Osteopeltidae (Ostiyoopeltaaydaay) jedhamu argan. Cilalluun kuniifi ilbiisonni biroo wal gargaaranii tishuuwwan xixiqqoofi, foon harca’ee hafe hunda sooratanii qulqulleessan. Eega waggoota hedduuf haala Kanaan sooratanii booda lafee qullaa dhiisanii rizqii biroo barbaadachuuf biraa deeman.
Achi booda baakteeriyaawwantu itti aana. Baakteeriyaaleen bishaan keessaa lafee qurxummii kanaa marsanii dhuka keessaa dhugan. Raammoleen xixiqqoon ijaan hin mul’annes waan lafeerratti hafe hunda xuuxatanii qullatti hambisan. Qorattoonni akka himanitti, lubbu qabeeyyii gosa 185 oltu qaama qurxummii kanaa soorata. Hubadhaa! Fakkeenyaaf gosoota lubbu qabeeyyii qurxummii kana sooratanii keessaa tokko qaajjibuudha yoo jenne, qaajjibbuu kumaatamatu qurxummii kana soorachuu dandaya. Haala Kanaan lubbu qabeeyyiin gosa 185 ol tahan qaama qurxummii kanaa bishaan keessaa dhabama godhan. Wanti hunda caalaa nama ajaa’ibu, mudannoon kun waggaa 50 hanga 100 keessatti raawwatama. Qurxummiin blue whale tokko yoo bishaan keessatti due, qaamni isaa nyaadhamee dhumuuf waggaa 50-100 fudhata jechu. Qorannoon kun ammas hin xumuramne. Bishaan keessa hangana gad fagaatanii qorannoo gaggeessuun haalaan ulfaataadha. Kanaaf saayintistoonni ammas qorannoo isaanii itti fufanii jiru.
Qophii: Abuu Ibtisaam