header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Qurxummii Lukkuu Gaalaanaa jedhamuun beekamu beeytuu?

Qurxummiin Albaakoor jedhamuun beekkamu kun gosa qurxummiilee soorataaf oolan kan Tuna jedhamuun beekkaman keessaa isa tokko. Dabalataanis maqaa ‘lukkuu galaanaa’ jedhmuunis ni waamama. Sababni lukkuu galaanaa jedhamee waamameefis, foon isaa gabaarratti akkaan barbaadama. Gatiin isaatis qaaliidha. Haa ta’u malee foon Albaakoor kan gara heemisfeera kaabaatti argamuu soorataaf hin oolu. Sababaa kanaa ibsuun dura, waahee qurxummii kanaa qabxiilee muraasa haa ilaalluu.

 

Albaakoor xixiqqaa arguu yoo barbaaddan, bishaan keessa gad fagaattanii deemuun isinirraa hin eeggamu. Ilmoolee fi dargaggeeyyiin Albaakoor gama gubbaa bishaanii dhihaatanii jiraatu. Warri umriin bubbulee fi dulloome ammoo qilee keessa gad fagaatanii guyyaa isaanii eeggatu. Ulfaatinnaa fi dheerinni Albaakoor garaagarummaa ni qaba. Walumaa galatti inni guddaan haga meetira tokkoo kan dheeratu yoo ta’u, ulfaatinni isaa ammoo kilograama 36 ta’a. Kormaan Albaakoor dhaltuu haalaan caala. Qaamni isaa kan gama gubbaatti argamu bifa cuquliisaa fi calanqisaa qaba. Garaa jalaatiin ammoo bifa meetii fi adii qaba. Albaakoor qaama dheeraa, gogaa laafaa fi eegee dhanquu qaba.

Albaakoor uumama foon sooratu keessatti ramadama. Lubbu qabeeyyii bishaan keessa jiraatan gosa heddu soorata. Sirna daakinsa soorataa haalaan saffisaa tahe waan badhaafameef, guyyatti soorata heddu sooratuu qaba. Yoo xiqqaate guyyaa keessatti, soorata ulfaatina qaama isaa tokko afraffaa ta’u sooratuu qaba. Yoo waan sooratu dhabe anniisaa qabbana bishaan keessaa ittiin dandamatu dhabee rakkachuu danda’a.

Albaakoor garee guddaa uumee qubsuma kilomeetira 30 bal’atu keessa jiraata. Qubsuma kana keessattis Albaakoor heddutu waliin jiraata. Haa ta’u malee yeroo hunda bakka tokko qofa qubatanii hin jiraatan. Yeroo hunda naannawa nageenya isaaniitiif amansiisaa ta’ee fi soorata miseensa isaanii hunda quubsuu danda’u argachuudhaaf godaansaan jiraatu. Wayta bakka tokkorraa bakka birootti socho’an kanas saffisa guddaan galaana daaku. Saa’aa takka keessattis kilomeetira 80 imaluu danda’u. Eega daakkaadhaan imalanii bakka isaaniif ta’u argataniin boodas qubsuma akkaan bal’aa ta’e koloneeffatanii jiraatu.

Qurxummiin kun yeroo dheeraa bishaan daakaa jiraata. Sababaan sa’aa dheeraaf bishaan daakuuf ammoo waan laaftuu miti. Qilleensa gahaa gara qaama isaa galchuudhaaf dirqamatti olii gad socho’uu qaba. Yoo olii gad sosocho’e qofa qilleensi gara giilii isaa seenuu danda’a. Kanaafuu guyyaa guutuu bishaanuma daakaa oola jechuudha.

Diinni hamaan uumama kanaa ilma namaati. Biyyoota Indastariin guddatan kanneen gara Kaabaatti argaman keessatti, keemikaalonni warshaalee garagaraa keessaa bahan uumama kana miidhutti jiru. keessattu albuudni meerkurii jedhamu, foon qurxummii kanaa balleessaa jira. Sababaa kanaaf qurxummiin kun kan gara heemisfeera kaabaatti argamu soorataaf hin ta’u. Namni foon qurxummii naannoo kanaa soorate, dhukkuba adda addaatiif saaxilama.

Naannawa keemikaalli bishaanitti hin jiffamnettis diinni hamaan uumama kanaa ilmuma namaati. Akkuma jalqabarratti ibsame, foon qurxummii kanaa akkaan qaaliiifi barbaadamaadha. Dabalataan uumamaaleen akka Shaark, Billfish fi sanyiileen qurxummii birootis uumama kana bishaan keessatti adamsanii waan soorataniif,  lakkoofsi  uumama kanaa haalaan xiqqaachaa jira. Adeemsi amma jiru kun haala kanaan yoo itti fufe, uumamni kun rakkoo keessa galuu danda’a. Ammaaf uumama rakkoo jabduuf saaxilamutti dhihaate keessatti galmaayee jira.

Wal hormaanni qurxummii Albaakoor yeroo oowwaatti raawwatama. Akka uumama biroo kormaa fi dhaltuun qaamaan wal tuqanii wal qunnamtii wal hormaataa hin raawwatan, akkuma uumamaaleen bishaan keessaa hedduun isaanii wal horanitti, dhiiraafi dhaltuunis sanyii isaanii bishaan keessatti dhangalaasuudhaan raawwatama.  Haadhoon takka waggaa keessatti hanqaaquu miiliyoona 3 ta’u hanqaaqxi. Hanqaaquu kana hunda guyyaa lama keessatti buufti.  Kana booda kormaan dhufee hanqaaquu kanarratti sanyii isaa dhangalaasa. Turtii sa’aatii 48 booda hanqaaquuwwan miiliyoonaan laakkawaman kanniin keessaa, irra hedduun isaanii gara ilmootti jijjiiramu. Gariin osoo sanyii dhiiraa hin argatin bishaaniin fudhatamu. Fedhii Rabbiitiin Qurxummiin kun avreejjiidhaan haga wagga 12 jiraata.

Qophii: Abuu Ibtisaam

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button