Uumamni Rabbii keenyaa lakkaawamee hin dhumu. Inni waan fedhe akka fedhetti haala fedhetti uuma. Wanti inni fakkeenya irraa laallatu hin jiru. Qaamni inni ittiin mari’atus hin jiru. Dalagaa Rabbii guddaa keessa wanti ‘try and error’ ykn yaalanii dogongoruu jedhamu hin jiru. Inni waan uumuu fedhe “ta’I”jedhee ajajuu qofa. Ajajni isaa haga limsuu ijaatti ta’ee argama. Uumama hundas akka ofii isaatii barbaadetti bareechisee uuma. Uumamaalee Rabbii keenyaa kan lakkaawamanii hin dhumne kana keessaa, umaama barruu tana keessatti ilaallu hedduun keenya jiraachuu isaatuu hin shakkinu. Umamni kun raachaa ajaa’ibaa biyyoota Ameerikaa kibbaa fi Meeksiikoo keessatti argamuudha. Glass Frog jedhama. Ajaa’ibni uumama kanaa garaa isaa irratti argama. Barruu tana hanga dhumaatti yoo dubbistan ajaa’iba uumamni kun qabu takka takkaan isin daawwachiisna.
Naannawa Ameerikaa Kibbaa fi Meeksikoo keessa sanyiin raacha kanaa 60 oltu jira. Garaagarummaan sanyiiwwan kanaatis bifaa fi guddina qaamaa qofa. Sanyiin xiqqaan seentimeetira 2 kan dheeratu yoo ta’u, inni guddaan ammoo haga seentimeetira 7.5 dheerata. Gogaan raacha kanaa bifa magariisa qaba. Sanyiin gariin ammoo magariisa kanarraa barrina adii, gurraacha akkasumas cuquliisa qabaachuu danda’a. Gama gubbaatii yoo laalan Raachuma lafichoo fakkaata. Garuu yoo garaa isaa jala laalan nama rifachiisa. Garaan isaa halluu “transparent”qaba. Transparent jechuun waan halluu hin qabne, Waan akka daawwitii jechuudha. Kanaafuu garaa jalaa yoo ol laalan. Wanti garaa isaa keessa jiru kan akka onnee, tiruu, sombaafi qaamman birootis ni mul’atu. Lafeen sanyii tokko tokkotis gogaa isaa kana keessaan mul’ata.
Ijji uumama kanaa akkaan gurguddaadha. Akkasumas mataa isaa gama gubbaatiin fuulduratti qajeelee argama. Guddina qofa osoo hin taane, argaa irrattis qaroo ajaa’ibaa qaba. Qaroo kanatti fayyadamee soorata isa baraachisuu fii diina itti dhufaa jiru fageenyarraa adda baafatuu danda’a. Sanyiin Raachaa kun warra foon sooratan keessatti kan ramadamu yoo ta’u, ilbiisota xixiqqoo gogaa fi qaamni isaanii akkaan laafaa ta’ee fi sanyiiwwan aaroo ykn daarabaaftuu tokko tokko soorata. Qaamni isaatis laafaa waan ta’eef ilbiisota gogaa laafaa qaban qofa soorata.
Raachi kun qaamaan xiqqaa waan taheef, bineensota hedduun adamsama. Malli inni diina jalaa ittiin miliqu gogaa qaama isaa baalaan wal fakkeessuu qofa. Gogaan isaa halluu magariisa waan qabuuf, yoo diinni itti dhufe baalatti maxxanee gogee dhaabata. Yoo malli kun isa baasuu dhabe carraan qabu nyaatamuu qofa. Diinni hamaan raacha kanaa bofaa fi simbirroota. Dabalataan rakkoo diinarraa itti dhufu kana jalaa of oolchuuf jecha, Raachi kun halkan halkan qofa sosocho’uun rizqii isaa barbaaddata.
Sanyiin raachaa kun uumama kopha kophaa jiraatu yoo ta’u, hunduu qubsuma mataa isaa tolfatee jiraata. Daangaa walitti cabsanii qubsuma walii keessa seenuun dhoorgaadha. Yoo inni tokko daangaa tokkoo keessa seene, dursee sagalee dhageessisee akka seera kabaju himaaf. Kuunis yoo sagalee isaa dhagahe hatattamaan deebi’uu qaba. Yoo inni deebi’uu didee mataa jabaate ammoo, waraana guddatu jidduu isaaniitti uumama. Kanaaf yeroo heddu sanyiin raacha kanaa dangaa ofii kabajsiifatee ka raacha birootis kabajee irraa goree jiraata.
Raachi kun arboreal animals, ykn ammoo uumama muka gubbaa jiraatu keessatti ramadama. Sababa kanaaf yeroo wal qunnamtii wal hormaataa malee muka san gubbaa hin bu’u. Rizqii isaaf dhuftu mukuma qubsuma isaa keessatti argamu tokkorraa kan biraatti utaalaa qocata. Wal qunnamtii wal hormaataa eega raawwataniin booda dhaltuun takka hanqaaquu haga 30 baala bishaan gubbatti rarra’ee jiru irratti hanqaaqxi. Kunis sababaa of danda’e qaba. Haadhoo fi kormaan hanqaaquu tanniin diina irraa ittisanii kunuunsuun dirqama isaaniiti. Torbaan lama booda hanqaaquun sun gara jiisaatti jijjiirama. Itti aansuun jiisaan sun baalarraa kokolaatee bishaan keessa bu’a. Sanyiin gariin bishaanuma keessa turee gaafa raachatti jijjiirame muka koree jiruu haaraya eegala. Gariin ammoo bishaan keessaa bahee biyyee jalatti dhokachuudhaan gara raachaa jijjiirama. Walumaa galatti raachi kun hayyama Rabbiitiin haga waggaa 10 jiraata.
Rabbiin keenya waanuma fedhe akka fedhii isaatti uuma. Wanti tasa argame hin jiru. Raacha ajaa’ibaa kana gogaa ajaa’ibaa akkanaa waliin uume. Kana boodas naannoo jireenya isaatiif mijaahu isa qubsiise. Wayta wal hormaataatis, mala san qorannoodhaan osoo hin taane, ni’imaa isaatiin raacha san beeksise. Raachis hanqaaquun isaa eega gara jiisaatti jijjiirameen booda bishaan keessa akka seenu waan beekuuf, baala bishaan gubbatti rarra’ee jiru irratti hanqaaqa. Waan kana hunda enyutu isa beeksise? Akka tasaa argamee? Waan hunda Rabbii uumama kana hunda argamsiisetu isaan beeksise.
Qophii: Abuu Ibtisaam