header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Eeshiyaa

Mootummaan Sa’udii namoota beekkamoo too’annaa jala oolche dararaa jiraachuu "Daily Mail" gabaase.

Mootummaan Sa’udii namoota beekkamoo maqaa malaammaltummaatiin too’annaa jala oolche, bitamtoota biyya alaa qaxaree kan dararaa jiru ta’uu “Daily mail” gabaase. Torbaan sadi dura ajaja Mahammad Bin Salmaaniin irraa baheen, namoota maatii warra Malikaa ta’an 11 dabalatee, dureeyyotaa fi qondaaltota biyyattii walumagalatti namoonni 200 ol to’annaa jala ooluun ni yaadatama. 
Namoota kanniin keessaa dureessi bekkamaan kan maatii warra malikaa ta’e Alwaliid Bin Xalaali fi dureessi Itoophiyatti dhalate Mahammad Huseen Allaamuddiin akkasumas namoonni biyyattii keessatti beekkamoo ta’an hoteela Riitz Kaarliton jedhamu keessatti hidhamanii jiru.
Mootummaan Sa’uudii dureeyyotaa fi qondaaltota kanniin, dhaabbata tikaa “Black water” jedhamu irraa bitamtoota qaxaruudhaan dararaa akka jiru gabaasni kun ni addeessa.
Bitamtoonni kunniin namoota kana yeroo qoratan fuula isaanii keessa akka kabalanii fi akkasumas kan arrabsan tahuun himameera. Dhaabbanni “Black water” jedhamu, dhaabbata dhuunfaa biyya Ameerikaa Kan hujii tikaa irratti bobba’e yoo tahu, kana duras Iiraaq keessatti hidhamtoota irratti dararaa geessuun, akkasumas Baghdaad keessatti lammiilee nagayaa irratti dhukaasa banee ajjeessuu isaatiin himatamee maqaa isaa “Academi” tti kan jijjiire tahuu gabaasni kun ni mul’isa.
Akka gabaasa kanaatti Mahammad Bin Salmaan kaampanii kana irraa loltoota 150 qaxare Abu-Daabii irraa Sa’udii kan seensise yoo tahu, eeggumsa dhuunfaa isaatii fi namoota akka biyyaa hin baanee eegamaniitiif bitamtoota kanatti kan fayyadamu akka ta’es gabaafameera

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button