header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Paartiileen Falasxiin xumura bara dhufuu filannoo adeemsisuuf walii galan

Paartiileen Falasxiin mootummaa tokkoome ijaaruudhaaf filannoo waliigalaa dhuma bara 2018 keessa geggeessuuf kan waliigalan tahuu, ibsa gamtaan guyyaa kaleessaa magaalaa Kaayiroo keessatti kenniin beeksisan. Ji’a dabre irraa jalqabee Hamaas fi Fatah dabalatee paartiileen Falasxiin hundi, waldhabbii isaan jidduu ture furuudhaaf Kaayiroo keessatti marii kan geggeessaa jiran tahuun ni beekkama.
Gamaa biraatiin ammoo komishiiniin filannoo Falasxiin, waliigaltee kana gammachuudhaan kan simatu tahuu ibsuudhaan, gamanumaa qophii kan jalqabu tahuu ibse. Komishiinichi Itti dabaluudhaan yeroo dhihoo keessatti marii paartiilee waliin eega  geggeessee booda, guyyaa Filannoo kanaa ummataaf kan beeksisu tahuu ibse.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button