header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Profeesar Yuusuf Al Qardaawii Gara Ganda Aakhiraa Godaanan

INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEEYHI RAAJI’UUN

September 26/2022
Nuuralhudaa

Profeesar Sheikh Yuusuf Al Qardaawii yeroo dhihoo asitti dhukkubsatanii waldhaanaamaa kan turan yoo tahu, wixata har’aa umrii isaanii 96tti gara ganda aakhiraa kan godaanan tahuu gabaafame. 

Hayyuun Islaamaa guddaan beekumsa, qorannoo, kitaabota barreessuu, barsiisuu fi akkasumas qabsoo irratti nama umrii isaanii guutuu dabarsaniidha. Profeesarichi sochii Islaamummaa jajjabeessuufi hawaasa islaamaa gama hundaan deebisanii ijaaruudhaaf gaggeessaa turaniin, biyyoota Islaamaa hunda keessatti jaalatamummaa fi dhageettii guddaa horatan. Haata’u malee hoggantoonni biyyoota Arabaa hedduun sochiin hayyuu kanaa mootummaadhaaf sodaachisaadha sababa jedhuun, akka gara biyya isaanii hin seenne dhoorkanii turan. Haaluma walfakkaatuun dhibbaa Mootummaa Masriitiin isaan irratti godhamaa ture hordofuun, biyya dhaloota isaanii Masrii irra baqachuun yeroo dheeraaf Qaxar  keessa jiraataa turan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button