header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Bineensi Kun Ameerikaa Keessatti Ifaa Dhaamsaa Biyya Rakkise

Tana Quba Qabduu?

Dhaabbanni humna ibsaa Ameerikaa akka himetti, bineensi squirrel jedhamu irra deddeebiidhaan ifaa Ameerikaa hedduu balleessuun beekama. Ameerikaa keessatti ifaan yeroo heddu hin dhaamu. Garuu adaduma ifaan dhaamee qorannoon irratti godhamuun, hedduminaan sababaa tahee kan argamu bineensa squirrel jedhamuudha. Bineensi sanyii tuqaa keessatti ramadamu kun ujummoolee sararri ifaa keessa dabru keessa seenuun, haada elektriikaa cicciree nyaatee, ofiifis du’ee elektriikas balleessa.  Keessattu waggaa keessatti waqtii Caamsaa; baatiiwwan Waxabajjii, Onkololeessa fi Sadaasaa keessa uumamni kun hedduminaan ujummoolee keessa seenuudhaan, Haada elektiriikaa cicciree balleessa.


Manni daara baaftuu ykn Aaroo akka huccuu madaan haguuganitti ykn bandeejiitti tajaajilaa ture

Bara qaroomina Giriikii fi Roomaa keessatti manni aaroo haalaan barbaadamaa ture. Doktoroonni yeroo san turan madaa dhukkubsataa isaanii mana daarabaaftuu ykn sarariitiitiin haguugaa fayyisaa turan. Manni aaroo kun uumamaan albuuda antiseptic fi antifungal of keessaa qaba. Kun ammoo akka madaan qulqulluu tahuu fi infekshina hin godhanne gargaara. Dabalataanis Vitamin K of keessaa qaba. Kun ammoo akka dhiigni ititu taasisa. Sababuma kanaaf doktoroonni bara sanii mana aaroo walitti qabanii  mana kuusaa isaanii keessa kaayyataa turan.


Lafee qaama keenya keessa jiru keessaa parsantii 25 kan tahu faana miilaa jalatti argama

Faanti teenya takka lafee 26 qabdi. Lamaan yoo walitti idaanu 52 taha. Walumaa galatti baay’ina lafee qaama keenya keessatti argamuu keessaa dhibbentaa 25 kan caalu faana miilaa keessa jira. Faanti xiqqoon tun lafee kana hunda eessaa fidde jechuu ni dandeessu. Hubadhaa! qaama keenya kilograama 50 fi Sanaa ol ulfaatu faana xiqqoo tanatu baadhatee deemaan. Isiin utaalla, isiin fiigna. Kanaafuu lafee hedduu achi keessaa qabaachuun keenya dizaayina ajaa’ibaa Rabbii keenyaa akka hubannu nu taasisa.


Biyya Sweden keessatti dhiiga arjoomtanii yoo dhiigni keessan nama dhiiga barbaaduuf kenname dhaamsa gabaabdutu isiniif ergama.

Biyya Iswiidiin keessatti namni heddu buufata fayyaa dhaqee akka dhiiga arjoomu jajjabeessuuf jecha, univarsiitiin tokko mala text message ajaa’ibaa tokko qopheesse. Fakkeenyaaf Isin har’a dhayxanii dhiiga arjoomtanii biraa baatu. Warri dhiiga isinirraa fuudhe ammoo lakkoofsa telefoonaa keessan galmeessee isin gaggeessa. Sana booda wayta namni dhiigatti haajamu dhufe, dhiiga keessan fuudhanii kennaniif. Itti aansuun “galatoomi, arjummaan kee lubbuu nama tokkoo baraare” dhaamsa jedhutu isin dhaqqaba. Yaa gammachuu nama dhiiga isaatiin lubbuu nama tokkoo baraaree.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button