Biyyoonni addunyaa hundi aadaa fi duudhaa addaa qabu. Seenaan isaaniitis kan garagaraati. Warri walitti hidhannoo qabuu fi seenaa qooddatus hin dhabamu. Walumaa galatti haalli biyyoota garagaraa waan adda ittiin tahu qaba. Jaarraa keessa jirru kanatti ammoo siyaasaan waan biyyi takka ittiin beekkamu taheera. Namuu ammaan tana biyya hunda siyaasaan yaadata. Siyaasaan biyyoota hedduu waan wal isaan fakkeessu qaba. Garuu biyyi takka tan gama hundaan addunyaarraa addaa ni jirti. Isiinis Kooriyaa Kaabaati. Barruu tanaan waa’ee Kooriyaa kaabaa qabxii muraasa isinii dhiheessina.
Kooriyaan Kaabaa Kaalaandara mataa ofii qabdi
Kooriyaan kaabaa kaalaandara Juche jedhamu qabdi. Juche’n sirna bulchiinsaa Kooriyaan kaabaa ittiin bultuudha. Akkuma communism fi capitalism jedhamutti Kooriyaan Sirna Juche jedhamu qabdi. Akkaataan bara itti lakkooftus juche calendar jedhama. Biyyi tun bara laakkawuu kan jalqabde, guyyaa dhaloota nama Abbaa Kooriyaa jedhamu irraayi. Namni kun Kim il Sung jedhama. Bara 1912 dhalatee, bara 1948titti biyya Kooriyaa Kaabaa jedhamtu hundeesse. Kana booda warri biyyaa of duuba deebi’ee guyyaa abbaa keenyaa kan jedhan irraa laakkawuu jalqaban. Sunis bara 1912 irraa kaasee tokko jedhan. Barana akka Kooriyaa Kaabaatti bara 110 irra jiran.
Kooriyaan kaabaa seera Necrocracy jedhamuun bulti.
Akkuma democracy, kooriyaan Kaabaa seera Necrocracy jedhamu qabdi. Necrocracy jechuun nama lubbuun hin jirreen buluu jechuudha. Kooriyaan kaabaa hanga arraatti seera Kim il Sung baaseen bulaa jirti. Namni kun Preezidaantii zalaalam bulchu jedhamee muudamee jira. Namni aangoo kana irraa fudhatu tokkolleen hin jiru. Dhaloonni eega inni du’ee booda dhufes waan kana jijjiiruu waan barbaadu hin fakkaatu. Namni amma biyya bulchaa jiru Kim Jong Un preezidaantii biyyattii osoo hin taane, akka afaan isaaniitti ‘hoogganaa walii galaati’. Dalagaan isaa warra biyya keessa jiru hoogganuudha. Inni ammoo seera kim il Sung baase jalatti jiraata malee, seera mataa isaa qopheessuu hin danda’u.
Kooriyaan kaabaa ummata isii too’achuuf jettee sadarkaa hawaasummaa kan Songbun jedhamuun adda qooddi
Ummanni biyyattii hangam mootummaa biyya saniitiif bitama kan jedhamu qoratamee adda baafamee, gosti gurguddaan 3 fi isaan jalatti ammoo qosti xixiqqoon 51 kaayamee jira. Galmeen kun dur gaafa Kooriyaan Kaabaa hundoofturraa kaasee walitti qabame. Amanamummaa maatiin tokko Mootummaa Kooriyaa kaabaatiif qabuu fi jibba Jaappaaniif qaburratti hundaahuun warri sadarkaan duraa kennameef dhibbeentaa 25 taha. Kan itti aanu ammoo dhibbeentaan 55 kan tahu ummata aadii biyya isaa jaalatu jedhamee qoodameera. Kan sadaffaa ammoo dhibbeentaa 20 kan tahuu fi Kooriyaaf rakkoodha jedhamee warra galmeeffamee hordofamaa jiruudha.
Ummanni biyya sanii rifeensa isaa akkaataa 28 qofaan sirreeffatuu danda’a
Kooriyaa keessatti mana rifeensaa dhayxanii rifeensa sirreeffatuu yoo barbaaddan, akkaataan itti sirreeffattan kan mootummaadhaan hayyamame 28 qofatu jira. Dubartootaaf 18 dhiiraaf ammoo 10. Istaayiliiwwan kanniin dhiistanii kan mataa keessanii tolfatuu mirga hin qabdan. Dubartoonni heeruman rifeensa isaanii gabaabsuu qaban. Rifeensi isaanii ceekuu tuquu hin qabu. Warri hin heerumin garuu hamma xiqqoo ceekuu irra gad dabarsuu mirga qabu. Dhiirri umrii dargaggummaa irra jiru rifeensa isaa seenitmeetira 5 caalaa dheeressuu hin danda’u. warri dulloome garuu haga seentimeetira 7 dheereeffatuu mirga qaba. Seerri kun hoogganaa ol aanaa biyyattiitiif hin hojjatu.
Kofoo/Surree jiinsii uffatuun Kooriyaa kaabaa keessatti dhoorkaadha
Kooriyaan kaabaa Ameerikaa haalaan jibbiti. Aadaa fi waan Ameerikaan ittiin beekkamtus ni diddi. San keessaa inni tokko kofoo Jiinsiiti. Kofoo kana uffatanii karaa irra deemuun dhoorkaadha. Namni jiinsii uffatee argame qabamee mana hidhaatti darbama. Poolisiin waan kana qofa akka too’atuuf ramadame ni jira. Namni biyyattii seera kana waan beekuuf dhimma uffannaa kanarratti of eeggannaa jabaa godha.
Kooriyaa Kaabaa keessatti filannoon wagga shan shaniin geggeeffama, garuu namni dorgomu hin jiru
Kooriyaa kaabaa keessatti seera Juche ykn seera Kim il Sung baase malee seerri biraa fudhatama hin qabu. Namni hundi seera saniif bitamaadha. Paartiin biraatiis hin jiru. Namni paartii hundeessuuf yaadus hin jiru. Wanti morkataa ykn mormaa jedhamus hin jiru. Garuu waggaa shan shaniin filannootu geggeeffama. Namni filatuu danda’u hundi galmaayee filatuun dirqama isaati. Garuu wanti keessaa filatan hin jiru. Tokkichuma jiru saniif sagalee kennanii deebi’an. Akkanatti filannoo bu’aa hin qabneef mallaqa qisaasan. Kun ajaa’ibuma hin jettanii ree.
Qophii: Abuu Ibtisaam
Mashalaaa tabrkalaa barumsaa baredaa