header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sheikh Aadam Tuulaa Gara Ganda Aakhiraa Godaanan

Innaalillaahi wa innaa ilayhi raaji’uun.

 

Abbaa ulamaa’ii hedduu kan tahan Sheikh Aadam Ahmad Hammarroo (Sheikh Aadam Tuulaa) Guyyaa har’aa October 18, 2022 du’aan addunyaa irraa galaniiru.

 

Godina Harargee bahaa Aanaa Kombolchaa ganda Tuulaa keessatti kan dhalatan Sheikh Aadam Ahmad, Maqaan isaaniitis maqaa ganda itti dhalataniitiin moggaafamee Sheikh Aadam Tuulaa jedhamuun beekaman. Sheikh Aadam Ulamaa’ii Oromiyaan qabdu warra lubbuun jiran keeysaa hangafa. Umriin isaanii wagga 110 tti kan dhihaatu yoo tahu, Ulamaa’ii gurguddoo akka Sheikh Abdullaahii Tuquu, Sheikh Ahmad Basiiraa fii sheekotii gurguddoo heddu diin barbsiisanii jiru.

 

Sheekotiin isaan irraa diin baran hedduun yeroo ammaa halqaa ilmii bananii darasoota isaanii barsiisutti jiru. Hojiin Sheikh Aadam Tuulaa ummata Oromootiif gummaachan waan laakkayamee dhumuu miti. duuti isaanii ummata Oromoo hundaaf gadda guddaadha. Ummanni Oromoo guyyaa arraa Nama guddaa dhabe. Rabbiin Jannataan Isaan haa qananiisu jenna. Hawaasa Isaan dhabeefi Maatii isaanii hundaaf jajjabina hawwina.

 

 

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button