header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Bataskaana Kana Keessatti Maaltu Dhokfame?

Ilmi namaa hundi waan namarraa dhoyfatu qaba. Namuu waan mul’ifachuu fedhu bareechee ija namaa dura kaaya. Waan dhoysaa ammoo bakka namni hin arginetti haguuga. Nama dhuunfaa qofa osoo hin taane, biyyoonni addunyaarra jiran hundi icciitii adda addaa qabu. Akkuma iddoowwan agarsiisaaf qophaawan tuuristootaaf tolchanitti, iddoowwan argaa ilma namaa jalaa dhoysanis qabu. Biyyoota garagaraa keessatti iddoowwan akka ilmi namaa hin daawwanne dhoorkamanirraa muraasa isinii dhiheessina.

 

Mirny Diamond Mine (Russia)

Boolli ilma namaatiin qotame inni guddaan biyya Raashiyaa iddoo Mir Mine (Mar Maayin) ykn Maarin Diamond Maayin jedhamutti argama. Boolli guddaan kun saaybeeriyaa gama bahaatti kan argamu yoo tahu, bara 2004tti wayta daawwaannaan iddoo kanaa dhoorkamutti, boolla ilma namaatiin qotame keessaa isa sadarkaa lammaffaa irra tureedha. Boolli kun meetira 525 kan gad dhooqatu yoo tahu, bal’inni isaa ammoo, meetira 1,200 taha. Sababa bal’ina isaa kanaaf jecha xayyaarri naannawa boolla kanaatiin akka hin imalle dhoorkameera. Boolli kun haalaan guddaa waan taheef qilleensa guddaatu gara boolla kanaa humna jabaan seena. harkisa qilleensaa kanaan xayyaarri akka gad hin harkifamneef jecha daandiin qilleensaa naannoo sanii cufame. Yeroo albuuda baasanitti wagga waggaan daaymandii hedduutu naannoo sanii baafamaa ture. Naannoo kana daawwachuun namoota alaa dhufaniif dhoorkaadha. Namni tokkollee daawwannaaf gamas imaluu hin dandayu.

 

Poveglia, Italy

Eddoolli Poveglia tan Kaaba xaaliyaanitti argamtu tun seenaa fokkataan tan guutamteedha. Eddoolli xiqqoon tun jaarraa hedduuf eddoo reefki ilma namaa itti gatamaa tureedha. Bakki tun Jaarraa 14ffaa keessatti namoota weerara dhibee Bubonic jedhamuun qabamaniif eddoo tursiisaa ykn quarantine turte. Jaarraa 19ffaa keessa ammoo bakka namoonni rakkoo sammuu qaban itti hidhaman taatee turte. Doktoroonni garaa jabaatan dhukkubsattoota kanniin irratti yaalii qorannoo geggeessaa akka turan himama. Har’aan tana eddoolli tun cufamtee, reefka achitti dararamaa dhumeef dhiifamterti. Tuuristoonnis tahe jiraattonni biyyaa bakka san dhaquun dhoorkaadha. Tarii namni bakka san dhaquu karoorfate adeemsa dheeraa fi ijibaachisaa keessa dabruu qaba.

 

Svalbard Global Seed Vault

Biyya Norway fi bantii kaabaa jidduu lafa Svalbard Global seed Vault jedhamtutu jira. Eddoon heddus hin beekamne tun firiiwwan midhaanii heddu of keessatti kuustee argamti. Bakki tun waggoota muraasa dura namaaf ifa kan godhamte yoo taatu, buufata xayyaaraa fi kuusaa midhaanii qofa ofirraa qabdi. Eddoon tun firiiwwan midhaanii 850,000 kan sanyiiwwan 5000 irraa walitti qabame of keessaa qabdi. Hangi kun haga Kuusaan midhaanii qabatuu danda’u keessaa parsantii 18 qofa. Kuusaan guutuun sanyiiwwan midhaanii miiliyana 4.5 ykn ammoo firii takka takkaan biiliyana 2.5 kuusuuf jecha ijaarame. Kuusaan kunis rakkina ilma namaatiin ykn balaan tasaa mudatee dachii tanarraa yoo midhaan dhabamsiise, sanyiiwwan midhaanii balaa kana dandamachiisuuf jecha qopheeffame. Bakki tun eddoo seenaan isii hedduu irraa haasawame taatus, iddoo tana daawwachuun haalaan ulfaatadha. Waggatti hulaan kuusaa kanaa yeroo sadi qofa banama. Sunis sanyii midhaanii haarawa kan mootummaa Norweeytiin mirkaneeffame keessa kaayuu qofaaf banama.

 

Chapel of the Ark of Covenant, Ethiopia

Amantii Kiristaanaa keessatti wanti haalaan barbaadamu Taabota Ark of Covenant (Taabota Waadaa) jedhamuudha. Manni addaa kun wagga 3000 dura Taabota ajajoota kurnan ofirraa qabu keessa kaayuudhaaf jaarame. Taabotni kun wayta warri baabiloon dachii Israa’el weeraran dhabame jedhama. Eessatti akka dhoyfameefi namni taabota kana fudhate eenyu akka tahe hin beekamu. Akka warri Ityoophiyaa himutti, taabotni kun bataskaana Tsiyoon Qiddist maariyaam jedhamu kan magaalaa Aksuum keessatti argamu keessa jira. Bataskaana kana keessa seenuu kan danda’u nama tokko qofa. Innis qeesii taabota san eegu. Garuu namoonni hedduun Taabotni Aksuum keessa jiru isa taabota duraatiin fakkeeffamee hojjatame malee kan ganamaa sanii miti jedhan. Kitaabni taabota kana keessa jiru isa ganamaa kan ajajoota 10 ofirraa qabu tahuu mirkaneessuuf qorannoo godhuun barbaachisaadha. Garuu qeesicha taabota kana eegu malee namni tokkollee bataskaana kana seenuu hin danda’u. Haala Kanaan iddoon kun ilma namaa hundarraa dhoyfamee icciitii jabduun eeggamutti jira jedhama.

Qophii: Abuu Ibtisaam

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button