OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Dhaabbanni Rufeeydaa Faawundeeshin Barattoota 195 Magaalaa Shaashamanneetti Eebbisiise.

Odeeyfannoo Nuuralhudaa October 24, 2022

Faawundeeshiniin dubartootaa Rufeeydaa Barattoota “Diploma in Islamic Study” dhaan Leenjisaa ture dhibba tokkoo fi Sagaltamii Shan (195), Eddoo keessummoonni gurguddoon argamanitti guyyaa kaleessaa October 23/ 2022 Galma Bulchiinsa Magaalaa Shaashamanneetti Eebbise.

 

Hundeeffamni dhaabbata kanaa yeroo dhihoo ta’us, Marsaa duraa magaalaa Asallatti kan Eebbise yoo ta’u, Shaashamannettis tarkaanfachuun barattoota isaa Eebbisee warra qabxii Ol’aanaa galmeessan badhaasee jira.

 

Sagantaa kana irratti hawaasni laakkofsaan heddu tahe, Maatiin Barattootaa fi Keessummoonni iddoowwan gara garaa irraa dhufanis hirmaataniiru.

Comment

Related Articles

Back to top button