header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Bishaan Qurxummiin Kun Keessa Jirutti Hin Dhihaatinaa!

Tafakkur: Narwhal

Rabbiin keenya uumama gosa garagaraa uumee dachii tana ittiin faayee jira.  Dizaayiniin adda addaa kan uumamaalee kanniin keessa jiru, qalbii teenya bannee akka waa’ee uumaa uumamaalee hundaa tafakkurru nu taasisa. Lubbu qabeeyyiin dachii tanarra jiran hundi waan isaan wal fakkeessu qabaatanis, waan isaan adda taasisus heddu qabu. Fakkeenyaaf nuti ilmaan namaa bocaa fi dhaabbata qaamaatiin wal fakkaachuu dandeenya. Haa ta’u malee wanti garaagarummaa ittiin qabnus haalaan heddu.

 

Barrinni gogaa harree diidoo yoo ijaan laallu wal fakkaatus, garuu kan harree diidoo lamaatuu wal hin fakkaatu. Hunduu sarara gosa adda addaa qabu. Qeerransi, Bofnii fi uumamaaleen bifa barruu qaban hundi, barrina mataa isaanii qabu. Kanaafuu dizaayinii ajaa’ibaa uumama kana cufa keessa jiru qalbii banannee tafakkuruun haalaan barbaachisa. Barruu tanaan yaadaan gara galaanaa imallee uumama tokko waliin daaw’anna. Maqaan uumama kanaa Narwaal jedhama.

 

Uumamni kun garba guddaa Arctic keessatti argama. Garbi Arctic Bishaan haalaan qabbanaawaadha. Narwaal, sanyii qurxummii bakkarraa bakkatti godaanaa jiraatu keessaa isa tokko. Bishaan inni keessa qubatu yoo gara cabbiitti jjijjiiramuu jalqabu, gara naannawa biraa godaanee jiraata. Qurxummiin kun sababaa faalama bishaaniitiifi sababaa adamootiin miidhamutti jira. Yeroo ammaa kana baay’ini qurxummii kanaa kan qaama bishaanii keessatti argamu, 50,000 hin caalu.

 

Narwaal uumama haalaan guddaa yoo tahu, keessumattuu Kormaan dhaltuu haalaan caala. Walumaa galatti dheerinni Narwaal meetira 6tti dhihaata. Ulfaatinni isaa ammoo Kilograama 1800 ta’a. Dhaltuun gabaabduu yoo taatu, ulfaatinni isii ammoo Kilograama 1000 gadi. kanaafuu kormaan haga midhaan kuntaala 18, dhaltuun ammoo hanga midhaan kuntaala kudhanii ulfaatti jechuudha. Uumama hagana dheeratuu fi ulfaatutu, rakkoo malee fedha Rabbiitiin bishaan keessa daakutti jira.

 

Bifti gogaa Narwaal umrii irratti hundaa’e garaagarummaa qaba. Wayta dhalatan, cuquliisa daalachaan makaa qaban. Adaduma guddataa deemaniin, daalachi gara gurraachaa jijjiiramaa deema. Itti aansuun gurraachaa fi cuquliisni sun gara barruutti jijjiirama. Warri akkaan dullooman ammoo guutumatti bifa adii qabaatu.

 

Qurxummiin kun yeroo heddu garaadhaan gara samii ol garagalee bishaan daaka. Inumaa yeroo garii garaa isaa garba keessaa ol baasee bishaan gubbaa ciisa. Daqiiqaa hedduuf osoo xiqqoollee hin socho’in bishaan gubbaa ciisa. Yeroo kana waan du’e fakkaata. Ummanni naannoo san qubatus haala isaa kana laalanii corpse whale jedhanii maqaa itti moggaasan. Hiikkaan isaati Raqa Qurxummii guddaa jechuudha.

 

Narwaal uumama foon sooratu keessatti ramadama. Qurxummiilee, shriimpota, Iskuwiidotaa fi bineensota bishaan keessatti argaman heddu ni soorata. Soorata isaa kanniin barbaachas, bishaan jala lixee kilomeetira tokkoo ol fagaatee daakuu danda’a. Narwaal gurmuu ‘Pods’ jedhamu hundeessee waliin jiraata. Wayta daakus gurmuma isaa kana waliin daaka. Miseensonni gurmuu tokko keessa jiran kudhan irraa hanga dhibbaa ta’uu danda’u. Gurmuun Narwaal tokko miseensota saalaan wal fakkaataa ta’an qofa of keessaa qaba. Narwaal sagalee garagaraa baasuu danda’a. Sagaleen Narwaal kun haalaan guddaadha. Bakka namni jirutti osoo yeroo takka qofa iyyee gurra namaa duuchuu danda’a. kanaafuu bishaan qurxummiin kun keessa jiru irraa fagaachuun akkaan barbaachisa.

 

Wanti addaa uumama kanaa ilkaan isaati. Bineensi guddaan kun ilkaan lama qofa qaba. Inni tokko gama gubbaatiin kan argamu yoo ta’u, hidhii isaa kan gama gubbaa uree bahee gara alaa dheerata. Ilkaan kormaa kan gama gubbaa haga meetira 3 dheerata. Ilkaan isaa qofti dheerinna ilma namaa meetira tokkoon caala jechuudha. Subhaanallaah, Rabbi uumama guddaa akkanaa uumee, ilkaanis kan haalaan dheeraa ta’e kana isa badhaase. Garuu ilkaan kana sooratuuf itti hin fayyadamu.

 

Qorannoo haga ammaatti geggeeffameen faaydaan ilkaan kanaa maal akka tahe hin mirkanoofne. Garuu qorattoonni tilmaama adda addaa lafa kaayanii jiru. Inni duraa, warri kormaa dhaltuu ittiin hawatuudhaaf itti fayyadamu. Isa ilkaan haalaan dheeraa qabutu ija dhaltuu harkisuu danda’a. Inni lammataa ammoo warri kormaa dhaltuu irratti ittiin wal loludhaaf itti fayyadamu. Kan sadaffaa ammoo, Qabbanaa fi oowwa bishaan keessaa adda baafatuudhaaf tajaajila jechuun tilmaama adda addaa lafa kaayanis, bu’aa Rabbiin ilkaan dheeraa kana irratti uumeef haga ammaa qorannoon mirkaneessuun hin dand’amne. Dhaltuunis ilkaan kana ni qabdi. Garuu akka kormaa san dheeraa miti.

 

Narwaal wal qunnamtii wal hormaataa raawwatee ilmoo argachuudhaaf, yoo xiqqaate umriin isaa waggaa saddeet guutuu qaba. Rimayni Narwaal waggaa tokkoo oliif tura. Yeroo takkaanis ilmoo takka qofatu dhalata. ilmoon Narwaal gaafa dhalattu meetira 1.5 dheeratti. Gaafa Waggaa sadih guuttu dhaltuun meetira 3.5 taati. kormaan ammoo meetira afurii hanga jahaa dheeratuu danda’a. Fedha Rabbiitiin Narwaal haga waggaa 50 jiraatuu danda’a.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button