Og-BarruuTana Quba Qabduu

Biyya Tanatti Ampuulii Gubatte Jijjiiruuf Hayyama Barbaachisa

Tana Quba Qabduu?

Addunyaan seera nam tolcheetiin bulaa jirtu tun seerota ilma namaatii fi uumamaalee biraatiif hin tolle heddu qabdi. Seeronni fedhinnaa namoota dhuunfaa muraasa irratti hundaa’uun bahan fedhinnaa namoota hedduu guutuu hin danda’an. Kun ammoo seeronni adda tahan hedduun akka bahan karaa saaqa. Adada seerri tokko bahuun nama wahii miidhuun isaa hin oolamu. Qaamni miidhame sun ammoo mormii isaa dhageeysifata. Kunis irra deddeebiin seerri akka jijjiiramu taasisa. Barruu tanaan seera ilmi namaa boce kan ajaa’iba nutti tahe isinii dhiheessina.

 

Awustraaliyaa kutaa bulchiinsa viktooriyaa keessatti Ampuulii gubatte jijjiiruudhaaf hayyama argachuun dirqama ture.

 

Akka seera viktooriyaa kan haga bara 1998titti tureen, wantoota elektirikaan wal qabatan kan akka haadha elektiriikaa mana keessa diriirsuu, ampuulii gubatte jijjiiruu, haadha cite hidhuu fi kanneen ogummaa barbaadan hunda raawwachuudhaaf hayyama argachuu fi ogummaa elektrikaatiin eebbifamuun dirqama ture. Namni osoo hayyama hin qabaatin wantoota akkanaa raawwate dolaara awustraaliyaa 10 adabamaa ture. Seerri kun bara 1998titti jijjiirraan xiqqoon itti godhamee jira. Wantoota dalagaa elektrikaa barbaadan mana keessatti dalaguudhaaf; fakkeenyaaf shiboo elektriikaa mana keessa diriirsuu fi haada jijjiiruudhaaf hayyama argachuun ammas dirqama. Ampuulii jijjiiruu fi sookkeeta buqqisuun garuu hayyamameera.

 

Itaalii Magaalaa Turin keessatti namni saree manaa qabu guyyatti yoo xiqqaate yeroo 3 manaa baasee miilaan Imalchiisuu qaba.

Biyyoota lixaa keessatti saree mana keessaa qabaachuun baramaadha. Maatii tokko keessa namni 5 yoo jiraate, tarii namni shananuu saree tokko tokko qabaachuu malan. Itaalii ykn xaaliyaan keessattis aadaan kun baramaadha. Sababa Kanaaf bakka heddutti sareen guyyaa guutuu mana keessa oolti. kun ammoo saree san cinqii fi dhibee garagaraatiif saaxiluu danda’a yaada jedhutu jira. Abbootiin seeraa magaalaa Turinis dhimma kanaaf hedduu yaaddawanii seera addaa tokko baasan. Namni saree mana keessatti guddisaa jiru, yoo xiqqaate guyyatti yeroo 3 saree isaa manaa baasee waliin miilaan deddeemuu qaba. Namni dirqama kana hin raawwanne yuuroo 500 adabama. Kutaalee Itaalii keessaa kutaan Turin dhimma bineensotaatiin wal qabatee seera jabaa qabdi. Saree fi adurree dabalatee bineensota birootiifis eegumsa jabaatu godhama.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

 

Comment

Related Articles

Back to top button