Taphni Olompiikii Duraan Ayyaana Amantii Ture

Addunyaan arraan tana waggaa afur afuriin dorgommii ispoortii garagaraa geggeessiti. Dorgommii kanarratti biyyoonni addunyaa hundi waan irratti hirmaataniif hawwii guddaan eeggama. Eega wal dorgommiin jalqabameen boodas miidiyaaleen addunyaa kumaatamaan lakkaawaman dorgommii kana ummata isaaniitiif tamsaasu. Walumaa galatti Olompiik wayta jedhamu namuu dorgommii ispoortii biyyoota garagaraa jiddutti godhamu jedhee yaada. Haa tahu malee Olompikiin wayta jalqabamu dorgommii ispooortii osoo hin taane, Ayyaana gooftaa Zewuus jedhamee jalqabame.
Ayyaani bara dhaloota Nabi Iisaa dura bara 776 biyya Giriik keessatti jalqabame kun, isaan biratti abbaa gooftota hundaa jedhamuun kan beekkamu Zewusiif ulfinna kennuuf jecha kabajama. Ayyaana kanarratti dhiira qofatu hirmaata. Dargaggoonni heddu biyya Giriik irraa walitti dhufanii dorgommiiwwan garagaraa agarsiisuudhaan ayyaana gooftaa isaanii ayyaaneeffatanii adda galu. Boodarra gorgommiin kun biyyoota birootiinis jaalatamuu eegallaan, ispoortii guutuu addunyaa hirmaachisutti jijjiirame.
Hirribaa fi bineensota
Bineensi Walrus jedhamu guyyaa 3fi walakkaa ol hirriba malee turuu danda’a. bineensi kun hirriiba heddus hin rafu. Xiyyeeffannaan isaa guddaan soorata barbaadachuufi diina jalaa baqachuudha. Kanaaf yeroo dheeraa hirriba dhiisee rizqii barbaaddata. Akka qorattoonni himanitti sa’aa 84 ykn guyyaa 3 fi walakkaa hirriiba malee turuu danda’a. Fardi nuti baadiyaa keessatti beeynus sa’aa muraasa qofa rafa. Akkuma beekamu fardi wayta rafu akka binoonsota biroo hin ciisu. Bakkuma dhaabbatutti sa’aa 2fi walakkaa qofa rafa. Sattawwaan dheerinaan bineensota hunda caalus sa’aa 2 qofa rafa. Arbi guddinaan hoosiftoota hunda caalu ammoo sa’aa 24 keessatti sa’aa 3-4 qofa rafa. Hoolaanis sa’aa dheeraa alala dhayaa dabarsiti, sa’aan isiin raftus sa’aa 4 hin caalu.
Qophii: Abuu Ibtisaam