header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Qurxummii Cabbii Keessa Jiraatu

Tafakkur: Beluga Whale

Maqaan isaa Beluga whale jedhama. Beluga jechuun akka afaan naannawa Raashiyaatti adii jechuudha. Maqaa kanas bifa gogaa isaa irraa argate. Bifti gogaa isaa kun naannawa Arctic kan cabbiin guutameen wal simaadha. Belugan sanyiiwwan whale keessaa isa ilkaan qabuudha. Akkasumas hidhiin isaa laafaadha. Qaamni isaa kan gama duubaatti argamu, inni bishaan keessa akka daakuuf isa gargaaru haalaan bal’aadha. Mormi uumama kanaatis caccaafamuu ni danda’a. akka sanyiiwwan qurxummii hedduu kan goggogee hafee miti. Mormi Beluga kunis digrii 90 kallattii hundatti caafamuu danda’a. Gogaan uumama kanaa haalaan furdaadha. Kunis qabbana bishaan keessaa dandamachuudhaaf isa tajaajila. Dabalataan qaamni isaa walakkaan faatii (cooma) yoo ta’u, kunis qaamni isaa hoo’aa ta’ee akka turuuf faaydaa guddaa qaba.

 

Maqaa: Beluga Whale

Dheerinna: meetira 4 hanga meetira 6.1

Ulfaatinna: kilograama 900 hanga 1300

Saffisa: Saa’aa tokko keessatti kilomeetira 22

Umrii: Waggaa 30 hanga 40

Qaama Beluga Whale

 

Beluga whale sanyiiwwan whale keessaa isa irra xiqqaadha. Inni guddaa jedhamu meetira 4 hanga meetira 6.1 dheerata. Ulfaatinni isaatis kilograama 900 hanga 1300 ta’a. Hubadhaa Belugaan sanyiiwwan whale keessaa isa irra xiqqaa ta’us, ulfaatinni isaa qamadii kuntaala sagal ni caala jechuudha. Belugan qaama jabaa fi furdaa kan gara fiixee lamaaniitiin qal’atu qaba. Qaama qurxummiilee heddu irratti arginu, kan dorsal fin jedhamu hin qabu. Dorsal fin jechuun qaama akka koola jiru kan qurxummiilee irratti gama gubbaatiin argamuudha. Qurxummiin kun naannawa cabbii waan jiraatuuf, Qaama Doorsal fin jedhamu kanatti hin haajamu. Qaama kana osoo qabaatee bishaan cabbii qabu keessa daakuun heddu ulfaata. Dirqamatti cabbii irraa haalaan gad fagaatuu qaba. Belugan garuu qaama san waan hin qabneef, akka fedhetti cabbitti dhihaatee daakuu danda’a. dagalee lamaaniin ammoo waan akka koolaa kan afaan ingiliffaatiin Filippers jedhamu qaba.

 

Qubsuma Beluga Whale

Uumamni kun bishaan haalaan qabbanaawaa keessa jiraachuu danda’a. Bishaan qabbanaawaa digrii selshiyasii 0 ta’e keessa jiraachuu ni danda’a. Yoo qabbanni bishaan sanii kanarraa gad bu’e garuu gara bishaan irraa wayyaa ta’etti baqata. Walumaa galatti naannoo Arctic jechuunis gama bantii Kaabaatti Kaanaadaa, Raashiyaa fi Griinlaand olitti argama.

 

Haalaa fi Amala Beluga Whale

Belugan uumama gamtaan jiraatuudha. Akkasumas uumama yeroo guyya guyyaa socho’uudha. Yeroo qabbanti godaanee haalli qilleensaa mijaawaa ta’etti, qurxummiileen kunniin gamtaadhaan gara qarqara bishaaniitti walitti qabamu. Yeroo kanatti waan raawwachuu qabantu jira. Qurxummiileen kunniin bishaan qabbanaawaa keessa waan jiraataniif, sababaa qabbanaatiif gogaan isaanii hedduu goggogee bifa jijjiirachuu eegala. Rakkoo kanaaf tooftaa Rabbi biraa badhaafaman qabu. Wayta aduun oowwitee qilleensa naannoo oowwistu, qurxummiileen kunniin qarqara bishaaniitti dhihaatanii walitti riiqatu. Yeroo kana gogaan goggoge kun hunda isaanii irraa harca’uu eegala. Yeroo walitti riiqatan kana rakkoon akka hin uumamneefis of eeggannoo cimaa godhu. Ilmooleen xixiqqoon garee tokkotti walitti qabamu. Haawwotiinis garee addaa keessatti walitti qabamu. Dardarran abbaa humnaatis garee isaanii keessatti wal gahu. Achi booda hunduu garema ofii keessatti gita ofii wajji walitti riiqata. Ilmoon xiqqoon takka osoo akka tasaa garee warra dhiiraa seentee jiddutti ciccittee dhabamti. Kanaaf hunduu gita ofii biratti hiriira. Eega walitti riiqatanii gogaan rakkoo qabu irraa harca’ee booda Rabbiin gogaa haaraya biraa biqilchaaf. Kana booda haga meetira kuma tokkoo bishaan jala gad fagaatuudhaan jireenya isaanii geggeeffatu.

 

Soorata Beluga Whale

Sooranni isaanii akkuma sanyiilee whale kaawwanii foon irraa argama. Kanaafuu sanyiilee qurxummii garagaraa akkasumas uumamaalee bishaan keessa jiraatan heddu adamsuudhaan sooratu. Guyyaa tokkotti Avreejiidhaan Belugan tokko soorata haga Kilograama 27 ulfaatu soorata. Belugaan waan argate jiraa isaa liqimsa. Ilkaan qabaatus bulleessuuf osoo hin taane qabataaf qofa tajaajila. Kana booda garaa keessatti daakama.

 

Walhormaata Beluga Whale

Kormaan Beluga Whale dhaltuuwwan heddu waliin walqunnamtii raawwata. Yeroon wal hormaataatis yeroo qilleensi oowwuudha. Rimayni qurxummii kanaa ji’a 14 hanga 15 tura. yeroo takkaanis ilmoo takka qofatu dhalata. Ilmooleen gaafa dhalatan bifti isaanii daalacha. Adaduma guddataa deemaniin gara adiitti jijjiiramu. Gaafa dhalatan meetira 1.2 hanga meetira 1.8 dheeratu. Akkasumas Kilograama 50 hanga 60 ulfaatu. Haga waggaa tokko guutanitti ilkaan hin biqilchan. Kanaafuu aannan haadharraa argataniin jiraatu jechuudha. Waggaa tokkoon booda wayta ilkaan basanitti uumamaalee xixiqqoo sooratuu jalqabu. Gaafa waggaa tokkoo fi walakkaa guutan ammoo harma haadhaa gu’anii adamoo eegalu. Ilmooleen dhaltuu guddatanii walhormaata raawwachuudhaaf waggaa 4 caaluu qabu. Kormaawwan ammoo waggaa 7 guutuu qabu.

Ammaan tana Beluga whale 150,000 ta’utu naannawa Arkitiik keessatti argama jedhamee tilmaamama. Haa ta’u malee adamoon seeraan alaa lakkoofsi isaanii akka xiqqaatu godhee jira. Fakkeenyaaf bara 1981 hanga bara 1994tti adamoo godhameen, baay’inni uumama kanaa parsantii 62’n xiqqaateera. Faalamni bishaanii fi adamoon kun jireenya uumama kanaa irratti rakkoo cimaa ta’uu isaattu himama. Fedha Rabbiitiin beluga Whale waggaa 30 hanga 40 jiraatuu danda’a.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button