header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Prezdaantiin Mana Marii dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheikh Hajjii Ibraahiim Prezdaantii Jibuutii waliin mari’atan

Prezdaantiin Majlisaa Federaalaa Sheikh Hajjii Ibraahiim Kora Nageennaa Dhaabbatni Dhimmoota Muslimaa fi Waqfii Jibuutii qopheesse irratti, keessummaa kabajaa tahuun affeeramanii qooda fudhatanii jiru. Sheikh Hajjii Ibraahiim xumura kora kanaa irratti Prezdaantii biyyattii Ismaa’il Umar Gileeh waliin kan mari’atan tahuunis beekamee jira.

Sheikh Hajjiin haala qabatamaa Manni Marii Dhimmoota Isaamummaa Itoophiyaa keessa jiru Prezdaant Ismaa’il Umar Gileehtiif kan ibsam yoo tahu, Prezdaantiin Jibuutii gama isaaniitiin yeroo dhihotti mana marii dhimmoota Islaammummaa Itoophiyaa daaw’achuuf waadaa galanii jiran.

 

Kora Nageennaa Dhaabbatni Dhimmoota Muslimaa fi Waqfii Jibuutii qopheesse kana, Daayirektara dhaabbata Idil-adduunyaa islaamaa Kuweeyt kan ta’an Badri Sa’uud dabalatee, bakka buutonni biyyoota adda addaa irratti hirmaatuullee odeeyfannoon ni addeessa.

 

6 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button