header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Haleellaan Gaazaa irratti raawwatamu cimee itti fufeera

Oolmaa Falasxiin, October 28, 2023

Haleellaan mootummaan Israa’el kutaa Gaazaa irratti raawwatu cimee itti fufeera. Dubbii himaan waraana Israa’el, jiraattonni Gaazaa kaabaa fi Magaalaa Gaazaa keessa jiraatan, gara Kibba Gaazaa akka baqatan ajaja dabarse. Waraanni Israa’el kallattii hundaan kaabaa Gaazaa fi magaalaa Gaazaa keessatti waraana cimsuuf waan deemuuf lammiileen naannawa kanniin gad lakkisanii akka bahan dhaamsa dabarse. Haa ta’u malee ummata Gaazaa keessa jiraaturraa, tajaajilli ifaa, tajaajilli intarneetaa fi kanneen birootis addaan citee waan jiruuf hawaasni dhaamsa kana argachuun isaa mamsiisaadha.

Gama biraatiin kaleessa halkan irraa kaasee haleellaan magaalaa Gaazaa irratti raawwatamu haalaan cimee itti fufeera. Haleellaan xayyaaraa fi misaa’eelaa walirraa hin cinne waraana Israa’eliin geggeeffameera. Namoonni hedduun ajjeefamuu fi hedduunis madaawuun isaanii beekameera. Akka ministeerri fayyaa Gaazaa ibsetti haga ammaatti lammiileen Falasxiin 7,703 caalan ajjeefamanii jira. Kanniin keessaa 3,500 ol kan ta’an daa’imman akka ta’e ibsame.

Itti gaafatamaa garee Hamaas, birgeeda Al Qassam kan ta’e, Abu Ubeeydaan, haleellaa xayyaaraatiin lammiileen Israa’el kan hidhamanii turan 50 ajjeefamuu hime. Israa’el harkuma isiitiin lammiilee isiitis galaafataa akka jirtu dubbate.

Kun osoo Kanaan jiru Lammiileen Israa’el magaalaa Tel Aviiv keessatti walitti qabamuudhaan mootummaa Benjaamin Netaaniyaahu balaaleeffatanii jiran. Saffisaanis aangoo akka gad lakkisu gaafatan. Akkasumas hidhamtoota Israa’el kan Gaazaa jiran akka deebisanis gaafatanii jiran. Netaaniyaahuun halkan sanbata xiqqaa harraatis maatii booji’amtootaa waliin mari’atuudhaaf karoorfatuun isaa gabaafameera.

Lammiileen kumaatamaan lakkaawamanis biyyoota garagaraa keessatti deeggarsa Ummata Falasxiiniif qaban hiriiraan agarsiisaa jiran. Sanbata harraa magaalaa London, Istaanbul fi biyyoota arabaa hedduu keessatti hiriirota gurguddaatu geggeeffame. Hiriira magaalaa Istaanbul keessatti godhame irratti kan argame Preezidaantiin Turkiyaa Rajab Xayyib Erdogaan, “hamaas dhaabbata shoorarkeessaa miti, Israa’eltu biyya koloneeffatte” jechuun dubbate.

Comment

Back to top button