Waraanni Israa’el Falasxiin irratti geggeessitu babal’ataa jira
Oolmaa Falasxiin October 30,2023
Haleellaan Israa’el bulchiinsa Falasxiin fi Gazzaa irratti raawwattu kallattii hundaan hammaatee itti fufee, gara biyyoota ollaatis tarkaanfataa jira. Akka Ministeerri Fayyaa Falasxiin ibsetti, kutaa bulchiinsa West Bank, magaalaa Jenin irratti duula waraanni Israa’el geggeesseen namoonni ajjeefaman afur gahanii namoonni shan ammoo madaayanii jiran. Waraanni Israa’elis kallattii hundaan duula lammiilee Falasxiin irratti taasisu hammeessee jira.
Haleellaa xayyaaraa fi duula lafoodhaan Gazzaa irratti banameen lakkoofsi namoota ajjeefamanii haalaan dabaluu irratti argama. Guyyaa kaleessaa gamoowwan jireenyaa shan, kan Hospitaala Al Quds cinatti argaman irratti haleellaa taasifameen barbadeeffamanii jiran. Lammiileen 14,000 ol ta’an kan hospitaala Al Quds keessatti daheeffatanii jiran gad lakkisanii akka bahan waraanni israa’el dhaameera. Haa ta’u malee lammiileen kunniin gara dhaqan akka hin qabne, dhaabbanni Fannoo diimaa damee Falasxiin beeksiseera.
Hospitaala Al Quds keessa miidhamtoota heddutu yaalamaa jira. Akkasuma dubartootaa fi ijoolleen hedduunis haleellaa geggeeffamaa jiru jalaa daheeffachuudhaaf Hospitaalicha bakka qubannaa taasifataniiran.
Waraanni Israa’el duula lafoodhaan taasisu eega eegaleen boodas loltoota hamaas waliin eddoowwan garagaraatti dhukaasa geggeessaa akka jiru beekkameera. Haleellaa kaampii Az Zawaydaa fi Maaghaazii keessatti taasifameenis lammiileen Falasxiin 10 ajjeefamuun himameera.
Magaalaan Khaan Yunis kan kibba Gaazaatti argamtus haleellaa Israa’el jalaa nagaya hin baane. Mana tokkorratti haleellaa taasifameen namootni jaha ajjeefamanii, hedduun ammoo madaawanii jiran.
Akka Gabaasni Save the Children ibsutti lakkoofsi daa’imman October 7 irraa kaasee ajjeefamanii, daa’imman bara 2019 irraa kaasee waggaa afuriif haleellaa taasifameen ajjeefaman caalee jira. Yoo xiqqaate daqiiqaa kudhan kudhaniin daa’ima tokkotu ajjeefamaa jira. Haga ammaatti daa’imman 3,195 waraana Israa’eliin ajjeefamuun isaanii mirkaneeffameera. Walumaa galatti lammiileen 8,000 ol ta’an ajjeefamaniiru.
Waraanni Israa’el akka ibsetti saa’aa 24 keessatti eddoowwan 600 irratti haleellaa raawwateera. Loltoota hamaas heddus ajjeesuu dubbate. Dabalataan waraanni Israa’el Suuriyaa keessatti haleellaa raawwatuu isaa miidiyaan Suuriyaa beeksiseera. Buufata waraanaa lama kan magaalaa Daraa keessatti argamu irratti ganama harraa haleellaan raawwatamuu beekameera.
Lammiileen Gazzaa bishaan faalame dhuguuf dirqamuun isaaniitis himameera. Akka gaazexaan Israa’el tokko gabaasetti dubartoonni ulfaa 52,000 ta’anii fi ijoolleen umriin isaanii 6 gad ta’an kanneen 30,000 ta’an bishaan faalamee fi bishaan sooqiddaawaa dhuguuf dirqamanii jiran. Mootummaan Israa’el tajaajila bishaanii addaan kutuu isaatiin akkasumas, tajaajilli ibsaatis waan jirreef bishaan qulqulleessuun waan hin danda’amneef bishaan kana dhuguun dirqama ta’e. sababa bishaan kanaatiin dhibeen hammaatuu danda’a kan jedhus sodaa guddaatu jira.