header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Gazzaatti Lammiileen 100 ol bakka tokkotti ajjeefaman

Oolmaya Falasxiin Nevember 1,2023

Waraanni Israa’el haleellaa guyyaa kaleessaa gamoo kaampii baqattoota Jabaliyaa keessatti argamu irratti raawwatteen namoon 100 caalan ajjeefamanii jiran. Hedduun isaanii caccaba gamoo jalatti awwaalamanii waan jiraniif lakkoofsi kun dabaluu akka danda’u ministeerri fayyaa Falasxiin ibseera. Israa’el haleellaa gamoo Jabaliyaa irratti raawwatte amantee jirti. Hoogganaan hamaas tokko gamoo san irratti waan argameef haleellaan raawwatamuu beeksiste. Waa’ee eenyumaa hoogganaa kanaa fi du’a isaa adda baafnee ibsina jechuun ministeerri waraanaa Israa’el beeksise. Hamaas garuu, hoogganaan isaa tokkolleen kaampii Jabaliyaa keessa akka hin jirre ibse.

Gama biraatiin wal waraansa Gazzaa keessatti waraana israa’el fi Hamaas jiddutti taasifamaa jiruun loltoonni israa’el 9 ajjeefamuu isaanii waraanni Israa’el beeksiseera jechuun Rueters gabaase. Hamaas ammoo loltoonni israa’el 20 ol ajjeefamuu beeksise. Waraanni Gazzaa keessatti lafoodhaan Israa’el fi Hamaas jiddutti godhamu ammas itti fufee jira. Ganama arbi’aa harraatis magaalaa Zeytuun cinatti waraanni cimaan geggeeffamaa jira jechuun Aljaziiraatu gabaase. Kun osoo Kanaan jiru Mootummaan Israa’el yeroo lammaffaaf tajaajila telefoonaa fi Intarneetaa Gazzaa irraa kutee jira.

Duula waraanni Israa’el kutaa falasxiin bulchiinsa West Bank keessatti taasisaa jiruunis lammiileen ajjeefaman heddummaataa jiru. Haleellaa guyyaa kaleessaa magaalaa Jenin irratti raawwatameen falasxiinonni lama ajjeefamanii jiran. Akkasumas dargaggeessi umrii 16 tokkos magaalaa Khaliin(Hebroon) keessatti ajjeefamee jira. Walumaa galatti West Bank keessatti haga ammaatti lammiileen Falasxiin 127 ajjeefamuu isaanii ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.

Biyyoonni laatin Ameerikaa walitti dhufeenya mootummaa Israa’el waliin qaban addaan kutuu jalqabanii jiran. Boliviyaan guutumaan guututti hidhata Israa’el waliin qabdu addaan kutuu beeksiste. Amma booda haga waraana dhaabdutti Israa’el waliin michooma hin qabnu jette. Chiilii fi Kolombiyaan ammoo Ambaasaaddaroota isaanii kan Israa’el jiran gara biyyaa akka deebi’an ajaja dabarsaniiru. Biyyoonni Ameerikaa kibbaa (laatin Ameerikaa) hedduun tarkaanfii wal fakkaataa ni fudhatu jedhamee eeggama.

Lakkoofsi lammiilee Falasxiin kan ajjeefamaa jiran dabalaatuma jira. Akka ministeerri fayyaa biyyattii beeksisetti, Gazzaa keessatti lammiileen 8,525 ajjeefamuun isaanii mirkanaayeera. 21,543 ammoo madaayanii jiran. West Bank keessatti duula taasifamaa jiruunis falasxiinonni 127 ajjeefamanii 1,980 madaayanii jiran.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button