header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Sudaan diplomaatonni UAE biyyaa akka bahan ajajje

Wal waraansa Sudaan December 12/2023

Ministeerri dhimma alaa Sudaan akka beeksisetti diplomaatonni UAE 15 ta’an saa’aa 48 keessatti biyya akka gad lakkisanii bahan ajajeera. Akka gabaasni Miidiyaa biyyattii mul’isutti itti gaafatamaan dhimma alaa Sudaan hoogganaa diplomaatota UAE waamuun murtee irra gahame itti himeera.

Mootummaan Sudaan, Mootummaa UAE yeroo dheeraaf himataa tureera. Lola biyyattii keessatti deemaa jiru irratti gaaza finiinsaa jira jechuun himate. Itti aanaan itti gaafatamaa waraana mootummaa Sudaan kan ta’e Yaassir Al-Ataa ji’a darbe keessa mootummaan UAE mormitootaaf meeshaa waraanaa dhiheessaa jira jechuun himate. Meeshaa waraanaa kanas karaa Yugaandaa, Chaad fi Afriikaa jiddu galeessaatiin gara mormitootaa geessaa jira jedhe.

Mootummaan UAE garuu himannaa irratti baname kana kuffisee jira. “Nuti yeroo hunda nageenyi akka bu’u barbaadna, akkasumas mariin warroota wal waraansa irra jiran jiddutti akka godhamu jajjabeessaa jirra” jechuun himannaan irratti dhihaataa jiru sirrii akka hin taane hime.

Gaazexaan Wall Street Journal jedhamu ji’a August keessatti gabaasa baaseen meeshaalee qarqaarsaa kan UAE’n ergite keessatti meeshaan waraanaa argamee jira jedhee ture. Mootummaan UAE, gabaasni kunis gabaasa dharaati jechuun deebise. “Nuti waraana kana keessatti garee kamiifuu hin loognu” jechuun gabaasicha kuffiseera.

Bara darbe gaafa April 15 irraa kaasee haga ammaatti mootummaa fi garee RSF jidduu wraanni geggeeffamaa jira. Waraana Kanaan lammiileen 12,000 ta’an ajjeefamuu fi kanneen miiliyana 7 ta’an ammoo qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu, dhaabbanni mootummoota gamtoomanii beeksiseera.

Akka gabaasni UNICEF, jedhutti Daarfur keessatti qofa ijoolleen miiliyana 5 ta’an sababa wal waraansaa Kanaan rakkoo guddaaf saaxilamaniiran jechuun gabaasa baase. Ijoolleen akka ijoollummaatti wantoota argachuu qaban hedduu dhaban. Akkasumas jireenyi isaanii sadarkaa yaaddessaarra gahee jira jechuun ibse.

Mootummaan Abdulfattaa Al Burhaaniin hoogganamu akka aangoorra turu mootummaan Masr kan fedhu yoo ta’u, gareen mormituu Mohammad Hamdan Daagaloon hoogganamu ammoo mallaqa hedduu dureeyyota UAE irraa argataa akka jiru himameera.

Waraanni gareewwan lamaan jiddutti godhamu ammas akkuma itti fufetti jira. Waraanni kunis wagga guutuudhaaf ji’oota muraasa qofa isaaf hafe.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button