EeshiyaaOdeeyfannoo

Jiraattonni Gazzaa miiliyana 1.9 ta’an godaananii jiran

Oolmaya Falasxiin December 14,2023

Haleellaa waraanni Israa’el Gazzaa irratti raawwataa jiru hordofee jiraattonni Gazzaa dhibbeentaa 85 ta’an ykn miiliyana 1.9 ta’an qe’ee fi qabeenya isaanii gad lakkisanii buqqa’anii jiran. Hedduun Kaaba Gazzaa irraa gara kibbaa imalanii turan. Ammas kibbaa Gazzaatii gara daangaa Masr akka baqatan godhameera.

Falasxiinonni hedduun ajaja waraana Israa’el fudhatanii Gazzaa Kaabaa gad lakkisuun gara magaalota Kibba Gazzaatitti baqatanii turan. Haa ta’u malee mootummaan Israa’el ammas magaalota akka Khaan Yuunis gad lakkisanii akka bahan ajajuu isaatiin jiraattonni hedduun gara Raafaah godaananiiran. Raafaah, kutaa xiqqoo ollaa daangaa biyya Masrii irratti kan argamtuudha. Akka dhaabbannii mootummoota gamtoomanii ibsetti ammatti jiraattota Gazzaa miiliyana 2.3 keessaa 1.9 kan ta’u Raafaah keessatti walitti qabameera.

Hanqinni wantoota bu’uuraa fi dhibeen garagaraa mudachuu danda’a sodaan jedhu cinqaa guddaa uumeera. Hospitaalonni fi manneen yaalaa hedduun barbadaayanii tajaajila dhaabaniiran. Kanaafuu weerarri dhibee tokko osoo mudatee, namni hedduun galaafatamuu danda’a kan jedhu sodaa dhaabbilee gargaarsaati.

Haleellaa halkan kaleessaa Khaan Yuunis fi Raafaah irratti xayyaaraa fi misaa’elaan raawwatameen Falasxiinonni 27 ajjeefamuu dhaabbanni oduu Falasxiin beeksiseera. Waraanni Israa’el ammatti haleellaa isaa cimsuun gamoowwan jireenyaa lamarratti haleellaa raawwateen namni hedduun ajjeefamuutu himame.

Gama biraatiin duulli West Bank keessatti geggeeffamaa jirus cimee itti fufeera. Waraanni mootummaa Israa’el guyyaa sadih walitti aansee duula magaalaa Janiin irratti taasisaa jiruun Falasxiinonni 11 ta’an ajjeefamaniiru. Magaalaan Janiin magaalota West Bank keessa jiran keessaa bakka waraanni mootummaa Israa’el haala addaatiin itti xiyyeeffateedha.

Wal waraansa lafaa waraana Israa’el fi Hamaas jiddutti godhamaa jiruunis loltootni Israa’el ajjeefamaa akka jiran ibsi waraanicha ni mul’isa. Wal waraana guyyaa kaleessaatiinis loltuun umrii 38 tokko jalaa akka ajjeefame Israa’el beeksisteerti. Haala kanaanis erga waraanni lafoo jalqabee as lakkoosi loltoota Israa’el ajjeefamanii 116 gahu mootummaan Israa’el beeksiseera. Hamaas fi maddeen biroo garuu lakkoofsi loltoota du’anii kana akka caaluu danda’u beeksisan. Akkasumas makiinaalee fi taankiileen waraanaa israa’el hedduun barbadeeffamaniiru.

Ameerikaan qawwee 20,000 ta’u kan Israa’elitti gurguramuuf ture yeroof akka tursiifamu ajajjeerti. Ameerikaan qawwee M16 jedhamu Israa’elitti gurguruudhaaf walii galtee turte. Haa ta’u malee qawwee Kanaan qubattoonni Israa’el kan West Bank keessa jiran lammiilee Falasxiin ajjeesaa waan jiraniif, yeroof gurgurtaan kun akka dhaabbatu ajajame. Israa’el qubattoota isaa kan lafa Falasxiinotaa saamuun West Bank keessa jiraatan hunda qawwe M16 jedhamu kana hidhachiisteerti.

Comment

Related Articles

Back to top button