header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Nama Tamboo Xuuxu Cinaa Hin Taa’in!

Wantoota ilmi namaa akka isa miidhu osoo beeku dalagu keessaa sadarkaa duraa irratti kan argamu tamboo xuuxuudha. Tamboon bifa garagaraatiin qophaaye sadarkaa addunyaatti haala ajaa’ibaatiin gurguramutti jira. Rakkoo sirni dimokraasii qabu keessaa dhimmi Tamboo kun isa ijoodha. Biyyoonni sirna dimokraasiitiin bulan hundi tamboo ni hayyamu. warshaan tamboo oomishu hundi Paakeeta Tamboo hundarratti; ‘wanti kun fayyaa namaa irratti dhiibbaa guddaa fida!’ jedhee barreessuu dirqama qaba. Namni tamboo xuuxus barreeffama kana osoo argu waan lubbuu isaa gaaga’ama hamaaf saaxilu mallaqaan bitatee xuuxa. Nutiis barruu tana keessatti qabxiiwwan tamboon wal qabatan muraasa isinii dhiheessina.

Biiyyoota dachii tanarra jiran keessaa Ameerikaan guddiinaan sadarkaa duraa irratti argamti. Kanaaf yeroo heddu qorannoowwan adda addaa yoo dhiheessinu Ameerikaa irratti xiyyeeffanna. Fakkeenyaaf itiyoophiyaa keessatti namni tamboo xuuxu meeqa akka tahe hin beekamu. Namoota tamboo xuuxan keessaa namoonni hagam rakkoo guddaaf akka saaxilamanis wanti beekamu hin jiru. Kanaaf yeroo hunda qorannoo biyyoota guddatanii akka ragaatti dhiheessina.

Ameerikaa keessatti Namoota du’an 5 keessaa inni tokko sababa tamboo xuxuutiin du’a. Guyya guyyaanis namoonni 1,200 ta’an sababa tamboon wal qabateen lubbuu isaanii dhaban. lammiileen Ameerikaa miiliyana 10 ta’anis sababa dhibee tamboo xuuxuurraa ka’uun yeroo ammaa kana haala hamaa keessatti argamu.

Sijaaraan ykn tamboon tokkichi keemikaalota 4,800 ol of keessa qaba. san keessaa inni 69 ta’u qajeela dhibee kaansarii fida. Dhibeewwan kaansarii kanniin keessaa parsantii 30 kan ta’u tamboo xuuxuu dhiisuu qofaan ofirraa ittisuun ni danda’ama. Haa ta’u malee namni dhibee ofitti waamu filateera. Namoonni kumaatamaan lakkawaman keemikaalota tamboo keessatti argaman kanniiniin lubbuu ofii halaakutti jiru.

Ameerikaa keessatti namootni tamboo xuuxan, wagga waggaan Avreejiidhaan doolaara ameerikaa haga 3,300 ta’u baasii godhu. Kana gara mallaqa biyya keenyaatti yoo deebisnu sharafa yeroo ammaatiin birrii 270,000 ol jechuudha. Namni waggatti mallaqa hangana baasee dhibeewwan garagaraa kan irraa fayyuun ulfaatu hedduu bitatutti jira. Dhibee sababa Tambootiin dhufu of wal’aanuuf ammoo mallaqa kana dacha hedduun caalutu baasii godhama.

Sababa dhibee tamboo xuuxuu irraa dhufuutiin, lammiileen Ameerikaa waggatti wal’aansa fayyaatiif doolaara biiliyana 300 ol baasii godhu. Afriikaa keessaa biyyi waraanaaf Baajata guddaa Ramaddu Aljeeriyaadha. Aljeeriyaan waggaatti waraanaaf jecha doolaara biiliyana 13 ramaddi. Haala Kanaan yoo laallu baasiin dhibee sababa tambootiin dhufuuf lammiileen ameerikaa walii galatti baasan, bajata Aljeeriyaa kan wagga 30 ni ta’a jechuudha.

Namoonni tamboo hin xuuxnes nama tamboo xuuxu bira waan taa’aniif qofa kan lubbuu isaanii dhaban hedduudha. Namoota kanniin keessaa waggatti namoonni 50,000 ol Ameerikaa keessatti qofa, sababuma warra tamboo xuuxu bira taa’anii aara luuganiif jecha lubbuu isaanii dhabu. Wanti tamboo irraa nama miidhu aara isaati. Yoo namni tokko nama bira taa’ee tamboo xuuxu, aarri isaa funyaaniin nama seena. Namni nama tamboo xuuxu cinaa taa’us akkuma nama tamboo xuuxuuti jechuudha. Kanaafuu saahiba tamboo xuuxu yoo qabaanne yeroo inni tamboo xuuxu irraa fagaachuun barbaachisaadha. Ykn ammoo yoo tamboo xuuxuu fedhe akka nurraa fagaatu itti himuu qabna.

Guyyaa takka keessatti tamboo biiliyana 15 ta’utu akka addunyaatti xuuxama. Chaaynaa, Ameerikaa, Jaappaan, Raashiyaa fi Indooneeshiyaan lammiilee tamboo xuuxan hedduu qabaachuudhaan akka addunyaatti sadarkaa 1 haga 5 jiru qabataniiru. namoota addunyaa tanarratti tamboo xuuxan keessaa tokko sadaffaa kan ta’an lammiilee chaaynaati.

Comment

Back to top button