header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Gaazexaan Jarmaan kan Der Tagesspiegel jedhamu, lammummaa baqattoota galaana Meeditraaniyaan irratti lubbuun isaanii darbee tarreesse.

Gaazexaan kun gabaasa isaa kan jimaata kaleessaa baase irratti, lammiilee biyyoota adda addaa kan cunqursaa  mootummoota abbaa irreetiin biyya isaanii keessatti raawwatamuu fi jireenya isaanii fooyyeffachuuf galaana Meediteraaniyaan irraan cehuun gara Awurooppaa seenuuf osoo yaalan galaanaan nyaataman jidduu lammummaa namoota 33,293 tarreesse. Namoota kanneen jidduu irra hedduun isaanii lammiilee Suuriyaa, Afgaanistan, Iraaqi, Eertiraa fi Afrikaa bahaa tahuu agarsiisa. Akka gabaasa gaazeexaa kanaatti lammiileen Itiyoophiyaa galmaayan 30 qofa tahuus gabaase.

Kroger weekly ads at www.krogerfeedback.com

Namoota lamummaan isaanii tarreeffame kanneen hedduu isaanii akkaataa lubbuun isaanii itti bahe malee eenyummaan isaanii hin gabaafamne.

Gaazeexichi kaayyoon gabaasa kana dhiheessuu barbaadeef, Namoonni kun namoota biyya  qabaniifi seenaa qaban tahu hubachisuuf akka tahe ibse.

Gabaasichi lammummaa namoota eega Awurooppaa gahan booda lubbuun isaanii darbee fi Gocha gara jabeenyaatiin ajjeefamanii kan of keessatti hammate tahuun beekameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button