header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Mootummaan Miyanmaar Muslimoota Rohingiyaa beelaan kan dararaa jiru tahuun gabaafame

Mootummaan Miyanmaar kutaa Rakhaayin keessatti Muslimoota Rohingiyaa biyyattii keessatti hafan beelaan kan dararaa jiru tahuu, dhaabbanni mirga namoomaatiif falmu Amnesty International gabaase. Gabaasni dhaabbatichaa akka mul’isutti, qondaaltonni Mootummaa Miyanmaar Muslimoota Rohingiyaa kutaa Rakhayin keessatti hafan, qabeenya isaanii ni saamu, dubartii ukkaamsanii gudeedu akkasumas nyaata akka hin arganne yookan ammoo akka hin oomishne kan dhoorkan tahuu beeksise.

Waraanni mootummaa Miyanmaar muslimoota Rohingiyaa duguuggaa sanyii irraa hafuun biyyatti keessatti hafan lafa isaanii qotanii nyaata isaanii akka hin oomishne dhoorkuudhaan, yeroo ammaa beela hamaaf saaxilamanii akka jiran gabaasni kun ni mul’isa.

Qondaaltonni mootummaa Miyanmaar dararaa hamaa kana kan raawwataniif ummata Rohingiyaa irratti jireenya hadheessuuf akka tahe gabaasni kun ni ibsa. Amnistiin Gabaasa Arba’aa kaleessaa baase kanaan, August 2017 irraa jalqabee lammiileen Rohingiyaa 700,000 tahan duguuggaa sanyii waraanni biyyattii isaan irratti raawwatee fi dararaa hamaa isaan muudate baqachuun gara Baangilaadish kan seenan tahuu ibsuun, ammaas dararaan raawwatamu haala adda ta’een kan itti fufe tahuu beeksise.

 

Back to top button