header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Lammiileen Ertiraa Mootummaa biyyattii mormuudhaan hiriira bayan

Guyyaa kaleessa magaalaa guddoo Ertiraa kaan taate Asmaraa keessatti, moootummaa biyyattii mormuudhaan hiriirri kan geggeeffame tahuu gabaasni arganne ni mul’isa.Sababni hiriira kanaa H mootummaan Ertiraa Hooggana mana barnoota Islaamaa beekkama tokko erga hidhee booda akka ta’e hubachuun danda’eemeera.

Maanguddoo waggaa 93 kan ta’e Haaji Muusaa Mahammad Nuur mana barnootaa Diyaa jedhamuu kan magaalaa Asmaraa keessatti argamu hooggaanaa yoo ta’u, mootummaan dhimmi mana barnoota kana keessaa harka akka hingalfanne moormuudhaan hidhamuun isaa beekkameera.
Ajajni mootummaa Ertiraa kun ijoolleen shamarranii hijaaba akka hin uffanne fi akkansumas ijoollee dhiiraatiin walitti makamanii akka baratan jedha.

Kanuma hordofuun barattoonni Haaji Muusaan akka gadi lakkifaman gaafachuudhaan hiriira kan bahan yoo tahu, ummanni magaalattis itti makamuudhaan gara Masaraa Mootummaa Eritiraatti qajeelan. Haata’u malee humnoonni tika biyyatti dhukaasa banuudhaan hiriira kana kan bittinneessan akka ta’e gabaasaaleen adda addaa ni mul’isu.

Imbaasiin Ameerikaa Asmaratti argamu ibsa baaseen, guyyaa kaleessaa hiriira mormii geeggeffameen walqabatee dhukaasni akka ture mirkaneessuudhaan, lammiileen Ameerikaa biyyattii keessa jiran of eeggannoo akka godhan akeekkachiise.
Ertiraa keessatti hiriira mootummaa deeggaruun alatti hiriirri mormii kan hin hayyamamne ta’u gabaasni arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button