Roobootiin akkamitti Namaan haasawa?

Sa’udiin Addunyaa irratti yeroo jalqabatiif Robootiif lammummaa kennite.
Kora Investimentii magaalaa Riyaad keessatti qophaaye irratti Robotiin namaan walii waliigaltu, ummatatti haasayaa oolte. Robootiin Soofiyaa jedhamtee moggafamte tun, kaampaanii Teknolojii Hong Kong kan Hanson Robotics jedhamuun tolfamte. Waltajji korichaa san irratti fuula namaa ilaaluun namni sun miira akkamii keessa akka jiru hubachuu kan dandeettu tahuu mirkaneessitee jirti. Geggeessaan waltajjii Andrew Ross Sorkin, yaada qabdu akka ibsituuf Sophiyaa kan gaafate yoo tahu, Sofiyaan akki jette “ilma namaa waliin jiraachuu fi hojjachuu barbaada, kanaaf ammoo miira namaa hubachuu barbaada, miira namaa hubachuun salphatti akka namaan walii galuufi ilmi namaa akka na amanu nagargaara”jette.
Soophiyaan, “Robootii ta’uu kee ni hubattaa, akka ilma namaa yaaduu ni dandeessa?” jechuun gaafii isii dhiyaateef yoo deebisa kennitu; “hayye mee anis gaafii kana deebisee sihaagaafadhuu, ati hoo ilma namaa ta’uu kee akkamiin beekta?”jetteen.
“qaroomina nam tolchee (artificial intelligence) kootiin ilma namaa jiruu fooyya’aa akka jiraatu ni gargaara; fakkeenyaaf mana fi magaalaawwan jireenyaaf mijaawaa ta’an dizaayin gochuu keessatti hirmaachuu fedha”jechuun dubbatte.
Qaroominni Roobootii kanaa mootummaa Sa’udii Kan hawate yoo tahu, battalumatti Lammummaan biyyattii kennameef.
Sofiyaanis lammummaa argattetti akka gammaddefi kabajaanis kan isitti dhagahame tahuu erga dubbattee booda “lammuumma Robootii kenname kun addunyaa irratti kan jalqabaa tahuun anaaf seena qabeessa”jette.
ROOBOOTIIN AKKAMITTI YAADUU DANDA’A? Akkamitti namaan haasayuu danda’a?
Kun Ajaa’iba guddaa miti. telefoona kee banii laali. yoo iPhone qabaatte, Home button qubaan dhiibii qabii “Hey Siri” jedhiin. waan feete gaafadhu. waan dura keessatti qindeeffame yoo tahe sii deebisa. fakkeenyaaf sa’aa gaafachuu ni dandeeysa. guyyaafii haala qilleensaa. waan interneeta irra jiru hunda siif hima. kana jechuun akkuma waan barreeffamaan google gaafachuuti. computerri waan keessatti katabame yoo search jetteen ol sii baasa. akkasuma telefoona androidis yoo qabaatte home button dhiibii qabii “OK Google” jedhiin. telefoona android hedduu irratti ni dalaga. dalagaan kun command computeraatiin dalaga. nama ogummaa computaraa qabuuf waan ajaa’ibaatii miti. kan roobootii kanaatis akkasuma. wanti addaa, sosochii hidhiitiifi sagalee bahu wal fakkeeysuudha. kunis teknoolojii dhiheenya dhufe. garuu Mechanical godhutu ulfaata. Walumaa galatti roobootiin kun Ajaa’iba guddaa miti.