header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Godina Shawaa Lixaa magaalaa Gudar keessatti loltoonni mootummaa namoota ajjeessuun gabaafame.

Godina Shawaa lixaa magaalaa Gudar keessatti loltoonni Agaazii dhukaasa bananiin, miseensa poolisii Oromiyaa tokko dabalatee namoota afur ajjeessuun , namoota heddu ammoo kan madeessan tahuu beekkame.
Guyyaa har’aa waaree booda Konkolaatota Sukkaara fe’anii magaalaa Gudar keessa qaxxaamuraa turan, hawwasni naannichaa erga dhaabsisee booda loltoonni Agaazii ummata irratti dhukaasa banan. Haaluma walfakkaatuun guyyaa kaleessaayis ummanni magaalaa Amboo konkolaatota afur sukkaara seeraan alaa fe’atee magaalattii keessa qaxxaamuraa ture kan qaban yoo tahu, guyyaa hardhaa loltoonni Agaazii konkolaatota kanneen humnaan gadi lakkisiisuuf yaaluu isaanii odeeyfannoon argame ni mul’isa.
Yeroo dhihoo asitti daldala kontroobaandiitii fi maallaqa seeraan alaa qondaaltonni waraana biyyattii sochoosaa jiran hawaasni dammaqinaan harkatti qabaa jira.

https://hearthis.at/set/78882-8932196/embed/?hcolor=0091ff&autoplay=0&css=

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button