header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
NHTV

Qurxummii Magaazii

Qurxummiin kun “Saw-fish” jedhama. Qajeelatti yoo gara afaan Oromootti hiiknu “Qurxummii Magaazii”jechuudha. Maal jechuudha? Gaafii jettu gaafachuun keessan hin oolu. Anis haga danda’een deebii isinii kennaa na faana bu’aa. Uumamni kun bishaan keessa akka jiraatu maqama isaa irraa hubatuu dandeenna. Garuu maqaa “magaazii”jedhu maaliif itti dabalan laata?

Namni qurxummii kana al takka ijaan arge lammata bishaan keessa seenee daakuudhaaf heddu sodaata. Sodaatuu qofaa miitii, bakkuma bishaan jiru dhaquunuu itti ulfaata. Qurxummiin kun naannawa bishaan biyya Ameerikaatti argama. Akkuma maqaa isaa qoffee dheeraa magaazii diriira fakkaatu qaba. Qooffee dheeraa kana irra waan akka ilkaanii qaraa ta’e 20 gama lachuunuu qaba. Diina isaatiifi waan adamsamus magaazii kanaan al takka dhoofnaan bakka lamatti adda baasa. Dabalataanis wantoota dhokatanii jiran qotee ittiin baasuuf fayyadama. Wantootuma ilkaan fakkaatan kana irra seensara diina adamsamu fagoo irraa ittiin too’atu qaba.

Qurxummiin kun inni xiqqaan Meetira 5 caalaa dheerata. ilkaan magaazii kanaan waan barbaade cicciree nyaataa. qurxummiin kun avareejiidhaan haga waggaa 25 fi soddomaa jiraatuu danda’a. Ilkaan tokko magaazii kanarra jiru yoo jalaa cabe, kan birootu biqilaaf. Wanti beekamuu qabu garuu, qurxummiin kun ilkaan magaazii kana malee ilkaan dhugaa kan biraa afaan keessaa qaba. Inni alaan argamu kun waa ittiin muruufii ajjeesuudhaaf kan itti fayyadamu yoo ta’u, inni keessatti argamu ammoo nyaata san bulleessuudhaaf tajaajila.

Rabbiin keenya waan fedhe akka fedhetti uuma. Rabbiin keenya waan dachii tanarra jiran hunda isaaniituu haala bareedaafi isaaniin maluun uume. Wanti faayidaa malee uumame hin jiru. Wanti hundi isaatuu faayidaa qaba. Faayidaa fi sababa uumamaniif beekudhaaf ammoo xiinxallinee laaluu ykn ammoo Tafakkuruu qabna. Yoo san beekumsaa fi sodaan nuti Rabbii keenyaaf qabnu ni dabala. iimaanni keenna nuu jabaata. Rabbiin warra uumaa isaa laalee tafakkuree imaanaan qananiifamurra anu haa godhu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button