header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Israa’el daandii gara magaalaa Ramallah seensisu cufte

Israa’el West Bank keessatti daandii gama Kaabaatiin gara magaalota  Ramallah fi al-Bireh seensisu cufte. Murtii Donald Traamp hordofuun guutuu Falasxiinitti mormiin dhoohe mootummaa Israa’el kan muddamsisse akka tahee fi  Waraanni Israa’el daandii kana Sabtii halkan kan cufe tahuun beekameera.
Khamiisa dabre  Korri waliigalaa mootummoota gamtoomanii labsii Traamp Alquds/jerusalem “magaalaa Israa’el” jechuun baase  sagalee ol’aanaan eega kuffisee booda, Israa’el dallansuudhaan dararaa lammiilee Falasxiin irratti gaggeessitu cimsitee itti fuftee jirti. Haaluma kanaan ijoollee umriin Isaanii 18 gad tahe dabalatee lammiilee falasxiin hidhuu, rasaasaan ajjeessu fi daandiilee cufuu itti fuftee jirti.
Gama biraatiin ammoo prezdaantiin Bulchiinsa Falasxiin Mahmuud Abbaas,  dhimma Falasxiinii fi Israa’el jidduu jiru ilaalchiseekana booda  jaarsummaa gaggeeffamu hunda adda durummaan Gamtaan Aworooppaa akka hoogganuuf waamicha dabarse. Abbaas Prezdaantii Faransaay waliin Paaris keessatti eega mari’atee booda ibsa kenneen akka jedhetti, bulchiinsi Falasxiin kana booda Ameerikaan loogii malee nagaya buusuuf ni hojjatti amantii jedhu hinqabu. Kanaafuu Gamtaan Awurooppaa dhimmicha irratti adda durummaan gahee ola’aanaa fudhachuu qaba jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button