header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Raayyaan Ittisa Biyyaa Kaampii Hammarreeysaa Keessatti Lubbuu Nama Hedduu Galaafate.

Makkalaakayaan Kaampii Hammarreeysaatti nama ajjeese

Waraanni Makkalaakayaa Kaampii Hammarreessaa seenuun ummata naannoo Somaalee irraa buqqifamee achi qubate irratti dhukaasa baneen, miseensa poolisii Oromiyaa tokko dabalatee yoo xiqqaate lubbuu namoota 9 akka galaafatee fi namoota 20 ol ammoo kan madeesse tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa.

Ganama har’aa poolisiin Oromiyaa fi dargaggoonni naannichaa Konkolotaa makkalaakayaa Sukkaaraa fi meeshaalee Kontrobaandii fe’ee socho’aa ture qabuudhaan gara kaampii Hammarreessaa eega geessanii booda, waraanni makkalaakayaa Oraaliin dhufee namoota nagaa irratti dhukaasa kan bane tahuun beekame.

Ajjeechaa waraanni makkalaakayaa raawwate kana hordofuun ummanni naannichaa dallansuudhaan tarkaanfii fudhateen, loltoota makkalakayaa sadi ajjeessuun, Ooraalii waraanaa lama, Konkolaataa Sukkaara fe’ee fi mana kuusaa tokko kan barbadeessan tahuu odeeyfannoon arganne ni ibsa.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button