header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Labsiin yeroo Muddamaa ji’a jahaaf kan turu tahuun ibsame

Labsiin yeroo muddammaa Jum’aa kaleessaa labsame Ji’oota jahaniif guutuu biyyattiitti hujii irra kan oolu tahuu Ministeerri ittisa biyyaa Obbo Siraaj Fargeessaa ganama har’aa gazexeessitootaaf hime. Labsiin kun mana maree ministeerotaatti sagalee guutuun kan raggaasifame akka tahee fi rakkina nageenyaa biyyattii keessa jiru furuuf mootummaa ce’umsaa hundeessuuf karoorri kan hin jirre tahuu dubbate.

Obbo Siraaj ibsa isaa kanaan, magaalaa Finfinnee dabalatee rakkinni biyyattii keessa jiru haala yaaddessaa irra gayee jira jedhe. Labsiin ammaa kun duraan paartii biyya bulchaa jiru ADWUI’n kan karoorfame tahuu beeksise.

Akka ibsa Obbo Siraaj Fargeessaatti labsiin kun giyyoota 15 keessatti Paarlaamaaf kan dhiyaatu tahuu fi haalli nageenyaa fooyya’uu baannaanis labsiin kun gara waggaa tokkootti dheereffamuu danda’a. Labsii kana hojii irra oolchuuf Komaand poostiin kan hundaaye akka tahee fi tarkaanfiiwwan komaand poostiin yeroo labsii muddamaa kana fudhatu qabxiiwwan 18 kan of keessaa qabu yoo tahu qajeelfamni raawwii labsii kanaa bal’inaan ibsu fuulduraaf ni baha jedhe.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button