header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

waraanni Isra’eel Gaazaa keessatti haleellaa xayyaaraatiin ijoollee lama ajjeese.

Xayyaari waraana Isra’eel haleellaa Halkan dheengaddaa magaalaa Gaazaa gama Kibbaa keessatti raawwateen lubbuu ijoollee lamaa kan galaafate tahuu ministeerri fayyaa Falasxiin beeksise. Dubbi himaa ministeera Fayyaa magaalaa Gaazaa kan tahe Ashraf al-Qudraa akka himetti, reeffi ijoollee lamaan umrii 17  Alhada kaleessaa naannawa magaalaa Raafaatti kan argame akka tahee fi namoonni lama ammoo haleella kanaan miidhamanii hospitaala Raafah keessatti wal’aanamaa kan jiran tahuu beeksise.

Waraanni Isra’eel balaa boombii Sabtii dabre daangaa Gaazaa irratti loltoota 4 jalaa madeesse haloo bayuuf  haleellaa kana kan raawwate akka tahe kan beeksise yoo tahu, Qondaaltonni Falasxiin akka jedhanitti haleellaa misa’elaa xiyyaara Isra’eelitiin manneen jireenyaa heddu barbadaawaniiru.

Haleellaan Isra’eel yeroo dhihoo asitti magaalaa Gaazaa irratti raawwattu cimaa dhufeera.  halkan dheengaddaa qofa xayyaaronni mootummaa israa’el magaalaa gaazaa keessatti iddoo 18 ol kan haleelan tahuun beekamee jira.  Gareen Hamaas “diina maraatee ummata keenna fixaa jiru caljennee hin ilaallu, diina kana ummata Falasxiin irra ni qolanna” jechuun dhaadate.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button