header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Xiyyaarri iiraan tokko kufee namoonni 66 du’uun beekame.

Xiyyaarri iiraan hojjattoota Xiyyaarichaa dabalatee namoota 66 fe’ee Alhada kaleessaa magaalaa Tehraan irraa  gara magaalaa Yasuj balali’aa ture kufuudhaan, namoonni imala irra turan hundi kan du’an tahuu qondaaltonni biyyattii beeksisan.

Ejensiin Odeeyfannoo iiraan ISNA’n dubbii himaa abbaa taayitaa tajaajila yeroo balaa biyyattii waabefachuun akka gabaasetti, iddoon xayyaarri kun itti kufe Kibba biyyattii Gaara naannawa Isfahan keessatti tahuu beeksise. Balaa xayyaaraa kanarraa, namoota xayyaaricha keessa turan keessaa namni lubbuun hafe tokkollee hin jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button